Itti fayyadamni yeroo Qilleensaa bilisaa Dimokiraasummaa Adeemsa filannoof qooda murteessaa qaba - ENA Afaan Oromoo
Itti fayyadamni yeroo Qilleensaa bilisaa Dimokiraasummaa Adeemsa filannoof qooda murteessaa qaba
Bitootessa12/2018(ENA)- Itti fayyadamni yertoo qilleensaa bilisaa dimokiraasummaa fi haqummaa filannoof qooda olaanaa qabaachuusaa Itti Aanaan walitti qabaa Boordii Filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa Tasfaayee Niwaay ibsan.
Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa, Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa fi Hoggantoonni Paartiilee siyaasaa bakka argamnitti, haala itti fayyadamaa yeroo qilleensaa bilisaa paartiilee siyaasaa ilaalchisuun marii gaggeessaa jira.
Saganticharratti obbo Tasfaayee Niwaay akka ibsanitti, Yeroon qilleensaa bilisaa Paartiileen Siyaasa sagantaa fi manufestoosaanii kan itti beeksisan waltajjii murteessaa ta’uu himaniiru.
Hojmaatni kun adeemsi filannichaa Dimokiraatawaa, Ifaa fi haqa qabeessa ta’uusaa ibsituuwwan argisiisan keessaa tokkodha jedhaniiru.
Boordichi Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun qajeeltoo yeroo qilleensaa bilisa ittiin hogganaman qopheessuun hojiitti galuusaa beeskiseera.
Paartiileen kun yeroo qilleensaa bilisa miidiyaaleen isaniif kennamuu fi fuula gaazexaa hojii dadammaqsuu filannoof sirnaan akka itti fayyadamaniif waamicha dhiheessaniiru.
Filannoo walii gala marsaa 7ffaaf hanga ammaatti lammiileen Miiliyoona 18 ol galmaa’uusaanii hubachiisaniiru.