Gaazexeessaan naamusa ogummaan guutame ijaarsa biyyaaf qooda bakka hin bu’amne ni bahata - ENA Afaan Oromoo
Gaazexeessaan naamusa ogummaan guutame ijaarsa biyyaaf qooda bakka hin bu’amne ni bahata
Bitootessa12/2018(ENA)- Gaazzexeessaan Naamusa ogummaa fi dandeettii olaanaan ijaarame, ijaarsa biyyaa keessatti qooda olaanaa akka bahatu Daarektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Haayimaanoot Zallaqaa ibsan.
Sagantaan xumura leenjii Gaazexeessummaa xiyyeeffannoo damee addaa wiirtuu ga’oomaa (excellence center) Abbaa taayitichaan qophaa’e gaggeeffamaa jira.
Saganticharratti Daarektarri olaantuun kun, leenjichi seenaa Miidiyaa Itiyoophiyaa keessatti, boqonnaa haraa kan banee fi guddina damichaaf gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Gaazexeessaan Naamusa ogummaan ijaarame guddina biyyaatiif murteessaa ta’uu hubachiisuun, leenjifamtoonni gara fuulduraatti dhimmoota gurguddoo biyyaalessaarratti odeeffannoo gahaa uummata akka beeksisan amantaa qaban ibsaniiru.
Leenjiin guyyoota 21f kennamaa ture yeroosaa kan eeggatee fi damicha kan ammayyeessu ta’uu beeksisaniiru.
Imalli ga’oomaa (excellence) kun jalqabaa malee bakka gahumsa dhumaa akka hin taane hubachiisuun, ogeeyyiin gara fuuladuraatti dhaabbiileesaanii keessatti jijjiirama akka fidan waamicha taasisaniiru.
Ogeeyyiin Miidiyaa mootummaa fi dhuunfaarraa filataman 36 ta’an damichaan leenjii dandeettii addaa akka qabaatan kan isaan dandeessisu ta’uu mirkaneesaniiru.