Tarkaanfiin yakkoota dhiheessii boba’aarratti raawwataman irratti fudhatamu cimee itti fufeera - ENA Afaan Oromoo
Tarkaanfiin yakkoota dhiheessii boba’aarratti raawwataman irratti fudhatamu cimee itti fufeera
Bitootessa12/2018(ENA)-Tarkaanfiin yakkoota dhiheessii boba’aarratti raawwataman irratti fudhatamu cimee itti fufuusaa Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Riijinii beeksise.
Adeemsa gurgurtaa fi raabsa boba’aarratti Al-seerummaa mul’atu to’achuuf Naannoolee ja’aa fi Bulchiinsota Magaala lamatti dulliqindaa’aan eegalame bu’aa guddaa galmeessisaa jiraachuu Ministirichi Doktar Kaasahuun Gofee ibsaniiru.
Guyyoottan darban hordoffii fi to’annoo taasifameen tarkaanfiiwwan adda addaa fudhatamuusaa odeeffannoo ENAn Ministeericharraa argate ni mul’isa.
Haaluma Kanaan beenziniin seeraan ala daddarbaa ture Liitiriin kuma 250 fi 221 fi Naafxaan liitirii kuma 198 fi 432 qabamee harkaa fudhatamuu Ministirichi ibsaniiru.
Boba’aa fudhatame keessaa gurguramee faayidaaf akka ooluu kan taasifamuun birriin miiliyoona 48 fi kuma 663 ol motummaaf galii ta’uusaa Ministirichi kan ibsan yoo ta’u, namoonni gocha kana keessatti hirmaatan 613 to’anoo seeraa jala ooluusanii hubachiisaniiru.
Namoota to’ataman keessaa Hoggantoonni Waajjira Daldalaa, Dursaawwan Garee, Ogeeyyonni Riigulaatoorii , Abbootiin raabsa boba’aa fi hojjettoonni akkasumas, qaamoleen nageenyaa sadarkaa sadarkaan jiran akka keessatti argaman eeraniiru.
Tarkaanfichi Caasaawwan sadarkaa gadii qofaarratti osoo hin ta’iin qaamolee murtoo kennanirattis kan xiyyeeffate ta’uusaa ibsuun hojiin to’annaa qindaa’aan kun shira damichaan jiru dhabamsiisuun raabsii boba’aa haqa qabeessi akka jiraatuuf cimee akka itti fufu hubachiisaniiru.
Haala qabatamaa gabaa boba’aa Idil Addunyaa gidduugaleeffachuun, raabsitoonni boba’aa fi hawaasni boba’aa qusannaa fi itti gaafatamummaa cimaan akka itti fayyadamaniif Ministirichi ergaasaanii dabarsaniiru.