Miidiyaaleen ijaarsa seenessa waloomaaf gumaacha taasisan cimsuu qabu - ENA Afaan Oromoo
Miidiyaaleen ijaarsa seenessa waloomaaf gumaacha taasisan cimsuu qabu
Bitootessa 12/2018 (ENA) - Miidiyaaleen faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuun gumaacha olaanaa ijaarsa seenessa waloomaaf taasisan cimsanii itti fufsiisuu akka qaban daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi dura taa’aan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsan.
Wiirtuun ga’oomaa abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa gaazexeessummaa damee xiyyeeffannoo addaa leenjifamtoota marsaa jalqabaa eebbisiisaa jira.
Miidiyaaleen meeshaa ijoo biyyi itiin ijaaramu ta’uusaanii Ambaasaaddar Reedwaan wayita kana hubachiisaniiru.
Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuun ijaarsa seenessa waloomsuuf gumaacha olaanaa taasisan cimsanii itti fufsiisuu akka qaban hubachiisaniiru.
Kanaaf ammoo ogeessa miidiyaa mul’ata biyyattii boruu, galmaa fi faayidaa biyyaalessaa sirriitti hubate horachuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Leenjiin gaazexeessummaa xiyyeeffannoo addaa wiirtuu ga’oomaa abbaa taayitaa miidiyaalees beekumsaa fi ogummaa ogeeyyotaa gabbisuun faayidaa guddaa akka qabaatu himaniiru.
Dabalataanis hojiiwwan qabiyyee faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisan maddisiisuun fayyadama ummataa guddisuuf murteessaa ta’uu himaniiru.
Faayidaan biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi tokkummaan ummataa wiirtuu xiyyeeffannoo miidiyaalee ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.