Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan goolabaa leenjii gaazexeessummaa damee xiyyeeffannoo addaa wiirtuu ga’oomaa abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaan qophaa’e gaggeeffamaa jira

Bitootessa 12/2018 (ENA)- Sagantaan goolabaa leenjii gaazexeessummaa damee xiyyeeffannoo addaa wiirtuu ga’oomaa abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaan qophaa’e gaggeeffamaa jira.

Sagantaan goolabaa leenjii gaazexeessummaa damee xiyyeeffannoo addaa wiiirtuu ga’oomaa abbaa taayitichaatti mata duree “ga’umsi ogummaa ga’ooma miidiyaaleef” jedhuun qophaa’e gaggeeffamaa jira.

Leenjii guyyoota 21’f kenname kanarratti gaazexessitoonni 36 hirmaataniiru.

Mana maree bakka bu’oota ummataatti miseensonni koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii, daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi dura taa’aan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, de’eetaan ministiraa tajaajila komunikeeshinii mootummaa Kabbadaa Deesisaa fi daarektarri olaanaa abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanoot Zallaqaa saganticharratti argamaniiru.

Ogeeyyonni miidiyaalee ummataa fi dhuunfaa leenjicha hordofanii xumuranis argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015