Izziin jiddu galaa Daalool lammiilee godina Gaamootti sigiga lafaatiin miidhamaniif midhaan kuntaala 100 deeggarsaan kenne - ENA Afaan Oromoo
Izziin jiddu galaa Daalool lammiilee godina Gaamootti sigiga lafaatiin miidhamaniif midhaan kuntaala 100 deeggarsaan kenne
Bitootessa 11/2018(ENA)-Raayyaa ittisa biyyaatti Izziin jiddu galaa Daalool lammiilee godina Gaamoo aanaalee garagaraatti sigiga lafaatiin miidhamaniif midhaan kuntaala 100 deeggarsaan kenne
Izzichachatti hogganaan gabbisa xin-sammuu raayyaa Koloneel Lachiisaa Magarsaa akka jedhanitti, balaan lammiilee keenya godina Gaamoorra gahe miseensotaa fi hoggantoota Izzichaa gaddisiiseera.
Izzichi Boqqoolloo kuntaala 100 qonna Izzichaarratti oomishame deeggarsa taasisuusaa ibsaniiru.
Fuuldurattis miidhamtoota bayyanachiisuun jireenya idileesaaniitti deebisuuf tattaaffii taasifamu Izzichi deeggarsa akka taasisu dubbataniiru.
Haala wal fakkaatuun hojjettoonnii fi hooggantoonni qajeelcha dubartootaa fi dhimma hawaasummaa godina Gaamoo maallaqa calla birrii kuma 126 fi 500 fi uffannaa fi meeshaalee ijaarsa manaaf oolu kan birrii kuma 255tti tilmaamamu deeggareera.
Hoggantoonnii fi hojjettoonni qajeelcha hojii fi ogummaa godinichaas birrii kuma 61 fi 400 fi uffannaa fi meeshaalee garagaraa birrii kuma 30tti tilmaamamu gumaachaniiru.
Deeggarsa taasifaman kan fudhatan bulchaan godina Gaamoo Dr. Damis Admaasuu gamasaaniin, hoggantoonnii fi miseensonni Izzichaa miidhamtoota jajjabeessuuf isiniif jirra jechuuf deeggarsa fidanii dhufuusaaniif galateeffataniiru.
Godinichatti balaa uumamaa aanaa Gaaccoo fi aanaalee birootti qaqqabeen lammiileen hedduun miidhamuusaanii ibsanii, deeggarsi kallattii hundaan taasifamaa jiru miidhamtoota bayyanachiisuuf faayidaa guddaa waan qabuuf akka cimu dhaamaniiru.