Tamsaasa Kallatti:

Pirojektoota namarratti xiyyeeffataniin aadaa waloomaa fi walgargaarsaa gabbisan yeroo gabaabaa keessatti milkeessuun danda’ameera-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Bitootessa 11/2018(ENA)-Finfinneetti Pirojektoota namarratti xiyyeeffataniin aadaa waloomaa fi walgargaarsaa gabbisan yeroo gabaabaa keessatti milkeessuun danda’amuu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

Ayyaanni Iid Alfaxir 1447ffaan guutuu Itiyoophiyaatti hordoftoota amantichaan kabajamaa jira.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee ayyaana Iid Alfaxir sababeeffachuun kutaalee hawaasaa sadarkaa jireenyaa xiqqaarra jiraniif wiirtuuwwan soorataa Tasfaa Birhaanitti maaddii qoodaa jira.

Kantiibaa Adaanech Abeebee wiirtuu soorataa Tasfaa Birhaan lakk. 1 kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo fi kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftoo lakk. 6tti argamuun maaddii qoodaniiru.

Kantiibaa Adaanech wayita kana akka jedhanitti, Magaalaa Finfinneetti aadaan waloomaa fi walgargaarsaa yeroo gara yerootti hawaasa biratti gabbachaa dhufeera.

Ayyaana Iid Alfaxira 1447ffaa irratti wal gargaarsii fi waloomni ifee mul’achuusaa ibsanii, pirojektoota aadaa waloomaa fi wal gargaarsaa namarratti xiyyeeffatu cimsan yeroo gabaabaatti milkeessuun akka danda’ame ibsaniiru.

Jiraattonni magaalichaa aadaa kana itti fufsiisuu akka qaban dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015