Nageenyaa fi misooma naannichatti argame itti fufsiisuun aadaa waldeeggarsaa gabbisuu barbaachisa-bulchaa Musxafee Muhaammad - ENA Afaan Oromoo
Nageenyaa fi misooma naannichatti argame itti fufsiisuun aadaa waldeeggarsaa gabbisuu barbaachisa-bulchaa Musxafee Muhaammad
Bitootessa 11/2018(ENA)- Nageenyaa fi misooma naannoo Somaaleetti argame itti fufsiisuun aadaa waldeeggarsaa gabbisuun akka barbaachisu bulchaan naannichaa Musxafee Muhaammaddubbatan.
Ayyaanichi abbootiin amantaa, hooggantoonno olaanoo naannichaa fi jiraattonni bakka argamanitti akkaataa amantichi ajajuun kabajameera.
Bulchaan naannichaa Musxafee Muhaammad ergaa baga ittiin isin gahe jechuun kabaja ayyaanichaarratti dabarsaniin, hojii garrii baatii ramadaanaatti raawwachaa turre itti fufsiisuu qabna jedhaniiru.
Nagaa fi misooma naannicha keessatti argame itti fufsiisuun aadaa walgargaarsaa gabbisuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Itti aanaan pirezidaantii mana maree olaanaa dhimmoota Islaamummaa naannoo Somaalee Sheek Ahimad Mahaammad akka ibsanitti, hawaasni Musliimaa tokkummaan hojii misoomaa itti fufsiisuu qaba jedhaniiru.
Nageenya naannicha keessatti argame tiksuunii fi harka qalleeyyii gargaaruun ayyaanicha dabarsuu akka qabu hubachiisaniiru.