Tamsaasa Kallatti:

Embaasiiwwan biyyoota garagaraa baga ayyaana Iid Alfaxiriin isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru.

Bitootessa 11/2018 (ENA)- Embaasiiwwanii fi ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa teessoonsaanii Finfinnee ta’e  baga ayyaana Iid Alfaxiriin isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru.

Itiyoophiyaatti Embaasiin Ruusiyaa ayyaanichi musliimota guutuu addunyaa jiraniif nageenya, gammachuu fi badhaadhina fidee akka dhufu hawweera.

Itiyoophiyaatti Embaasiin Ameerikaa Itiyoophiyaanota Musliimota biyya keessattis ta’e biyya alaatti ayyaanicha kabajaniif hawwii gaarii ibseera.

Itiyoophiyaatti Embaasiin Israa’eel hordoftoota amantaa Islaamaa addunyaarratti argamaniin baga ayyaana Iid Alfaxiriin nagana isin gahe jedheera.

Itiyoophiyaatti Embaasiin Saa’udii Arabiyaa, Paakistaan, Aljeeriyaa, Faransaayi hordoftoota amantaa Islaamaatiin baga ayyaana Iid Alfaxur 1447ffaan isin gahe jedhaniiru.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Jibutii Abdii Mahaammud, ambaasaaddarri Noorweeyi,Sitiiyaan Kiriistiyaansen hordoftoota amantaa Islaamaatiin baga ayyaana Iid Alfaxir 1447ffaan isin gahe jedhaniiru.

Embaasonni Yunaayitid Kingidam, Siwiidin, Jarman, Armeeniyaa, Awustiraaliyaa fi Kanaadaa fi kanneen biroo ayyaanichaaf hawwii gaarii ibsaniiru.

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti Biiroon Itiyoophiyaa hordoftoota amantaa Islaamaa hundaan baga ayyaana Iid Alfaxiriin nagana isin gahe jechuun hawwii gaarii ibseera.

Ayyaanni Iid Alfaxir 1447ffaan hordoftoota amantichaatiin guutuu Itiyoophiyaatti kabajamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015