Ayyaanni Iid Alfaxir 1447ffaan nagana xumurameera-Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni Iid Alfaxir 1447ffaan nagana xumurameera-Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa
Bitootessa 11/2018(ENA)- Ayyaanni Iid Alfaxir 1447ffaan guutuu biyyattiitti kabajame nagana xumuramuusaa Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa beeksiseera.
Ayyaanichi milkaa’inaan akka xumuramu Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa dhaabbilee nageenyaa biroo waliin qindaa’uun humna namaa teeknooloojiin deeggarame baay’inaan hojiitti galchuun hojii tasgabbii raawwachuun itti gaafatamasaa siriitti bahachuusaa ibseera.
Jala bulti ayyaanichaarraa eegaluun bakkeewwan garagaraatti eegumsa cimaa raawwachuun ayyaanichi milkaa’inaan akka xumuramu gaggeessitootaa fi miseensota dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii itti gaafatamasaanii ga’umsaan raawwatan guddaa galateeffateera.
Poolisiin Federaalaa Ummata biyyattii, abbootii amantaa, qindeessitoota ayyaanichaa, hordoftoota amantichaa fi dargaggoota qaamolee nagaa fi tasgabbiif deeggarsa taasisan galateeffateera.