Hawaasni musliimaa waliif yaaduu fi waldeeggarsa baatii Ramadamaatti agarsiise yeroo kaanis cimsuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Hawaasni musliimaa waliif yaaduu fi waldeeggarsa baatii Ramadamaatti agarsiise yeroo kaanis cimsuu qaba
Bitootessa 11/2018(ENA)- Hawaasni musliimaa waliif yaaduu fi waldeeggarsa baatii Ramadamaatti agarsiise yeroo kaanis cimsuu qaba jedhan pirezidaantiin mana maree dhimmoota Islaamummaa naannoo Gaambeellaa Sheeh Ahimad Yesuuf.
Ayyaanni Iid Alfaxir 1447ffaan duudhaa amantichaa karaa eegeen magaalaa Gaambeellaa fi naannawasheetti kabajamaa jira.
Sheeh Ahimad Yesuuf kabaja ayyaanichaarratti akka jedhanitti, hawaasni musliimaa duudhaa waliif yaaduu, waldeeggaruu fi waliif gadduu baatii Ramadaanaatti agarsiise yeroo biraas harka qalleeyyii gargaaruu fi deeggaruun cimsee itti fufuu qaba.
Hirmaattota ayyaanichaa keessaa Sheeh Mahaammadmakkiin Huseen yaada kennaniin, ayyaanicha karaa amantaasaa eegeen sirna solaataan kabajuusaanii dubbataniiru.
Sheeh Mahaammad Hasan gamasaaniin, wal gargaaruu fi waldeeggaruun baatii Ramadaanaa dabarsuusaanii ibsaniiru.
Guyyaa har’aas harka qalleeyyii deeggaruunii fi dadhaboota gaafachuun waloomaan kabajaa akka jiran dubbataniiru.
Ayyaana Iid Alfaxir karaa tokkummaa fi walooma cimsuun gammachuun kabajaa akka jiran kan ibsan ammoo hiraataa ayyaanichaa obbo Abdallaa Achuungaati.