Tamsaasa Kallatti:

Ayyaana Iid Alfaxir waloomaa fi walgargaarsaan dabarsaa jirra

Bitootessa 11/2018(ENA)- Ayyaana Iid Alfaxir akkaataa barsiisa amantichaatiin waloomaa fi walgargaarsaan dabarsaa akka jiran hordoftoonni amantichaa godina Baalee ibsan.

Godina Baaleetti ayyaanni Iid Alfaxir 1447ffaan sirnoota amantichaa garagaraatiin kabajameera.

Hirmaattonni ayyaanichaa ENA’f yaada kennan, ayyaanichi  sirna amantaan gamatti waloomaa fi walitti hidhamiinsa hawaasaa karaa cimsuun akka kabajamu dubbataniiru.

Huseen Jamaal Yaada kennaniin, sagadaa fi kadhataan gamatti walgargaarsaa fi dadhaboota gargaaruun ayyaanicha kabajaa akka jiran ibsaniiru.

Nasraddiin Goobee gamasaaniin, wal gargaarsaa fi waliif qooduu baatii Ramadaanaatti ture yeroo ayyaanicha kabajanis kanuma raawwachuun dirqamasaanii akka bahan dubbataniiru.

Jiraataan magaalichaa Muddasiir Amaan, waliif yaaduu fi haeka qalleeyyii gargaaruun aadaa durii waan ta’eef, duudhaa kana hojiirra oolchuun ayyaanicha akka dabarsan ibsaniiru.

Imaamiin Masjiida Najaashii Uztaaz Kamaal Aliyyi gamasaaniin, ayyaanni Iid Alfaxir wal gaafachuu fi waliin soorachuun gammachuu fi nagana dabarsuun barsiifni amantichaa kan ajajudha jedhaniiru.

Hawaasni Musliimaa jaalala, tokkummaa fi walgargaarsa baatii Ramadaanaatti agarsiise itti fufsiisuun misoomaaf hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Gaggeessaan mana maree dhimmoota Islaamummaa aanaa Gobbaa Sheeh Muzayyan Awwal ergaa dabarsaniin, baatiin Ramadaanaa Soomanaa fi kadhannaan gamatti, aadaan wal gargaarsaa kan itti mul’ate ta’uu ibsanii, ayyaanni kun dadhaboota gaafachuunii fi walgargaaruun kabajamuu akka qabu dubbataniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015