Tamsaasa Kallatti:

Ayyaana Iid Alfaxir walgargaaruunii fi waloomaan kabajaa jirra

Bitootessa 11/2018(ENA)- Ayyaana Iid Alfaxir 1447ffaa walgargaaruunii fi waloomaan kabajaa akka jiran hordoftoonni amantaa Islaamaa magaalaa Harar ibsan

Ayyaanni Iid Alfaxir 1447ffaan naannoo Harariitti sirnoota amantichaatiin kabajamaa jira.

Hordoftoonni amantichaa ayyaanicha harka qalleeyyii deeggaruunii fi waloomaan kabajaa akka jiran  ibsaniiru.

Bulchaan naannichaa Ordiin Badrii dabalatee hooggantoonni olaanoon, abbootiin amantaa, Ulaamonnii fi hordoftoonni hedduun sirna Solaataa Istaadiyeemii Imaam Ahimaditti gaggeeffamerratti hirmaachaajiru.

Hirmaattonni yaadasaanii ENA’f kennan duudhaalee walgargaarsaa fi tokkummaa gabbisuun ayyanicha kabajaa akka jiran dubbataniiru.

Hirmaattota keessaa Fatiihi Jamaal akka jedhanitti, baatii ramadaanaa soomanaa fi kadhannaan, uumaarraa araara,nagaa fi jaalala kadhachuun dabarsineerra jedhan.

Ayyaanicha harka qalleeyyii deeggaruun kabajaa akka jiran dubbatanii, hojiileen kooriidaraa fi misoomaa naannichatti hojjetamaa jiran ayyaanicha miidhagsuu isaanii fi ummannis gammaduusaa eeraniiru.

Dargaggoo Nabiil Umar, olla waliin ta’uun baatii ramadaanaa harka qalleeyyii deeggaruun dabarsuu isaanii fi har’as kanneen maatii hin qabnee fi dadhaboota gaafachuu fi gargaaruun ayyaanicha ni kabajna jedheera.

Ayyaanicha Kan rakkatan gargaaruun, kan dhukkubsatan gaafachuunii fi kan daaran itti uffisuunin kabaja kan jedhan ammo obbo Ahimad Sheeh Jamaalidha.

Magaalaa Harar Misooma kooriidaraan haaromfamtee fi miidhagdetti ayyaanicha kabajuun guddaa nama gammachiisa jedhaniiru.

Shamarree Muntahaa Ahimaddiin gamasheetiin, akkaataa barumsa Islaamaatiin baatiin Ramadaanaatiin wal gargaarsaa fi wal gaafachuun kabajaa jiraachuu eerteetti.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015