Tamsaasa Kallatti:

Dura taa’aan komishinii gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yuusuuf baga ayyaana Iid Alfaxirin isin gahe jechuun ergaa dabarsan

Bitootessa 11/2018 (ENA)- Dura taa’aan komishinii gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yuusuuf baga ayyaana Iid Alfaxir 1447ffaan isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru.

Musliimota guutuu Afriikaa fi addunyaarratti argaman hundaan baga ittiin isin gahe jechuun barbaada jedhan dura taa’ichi ergaa dabarsaniin.

Xumura baatii Ramadaanaa kan ta’e yeroon eebbifamaan kun, yeroo xiinxalaa, galataa fi haaromfamaa ta’uusaa ibsaniiru.

Ayyaanni kun addunyaa qormaatilee kanneen akka walitti bu’iinsa, buqqa’uu, altasgabbii dinagdee fi jijjiirama haala qilleensaa keessatti argamtu keessatti duudhaalee fulla’aa gara laafina, tokkummaa fi harka waliif hiixachuu qooda ijoo isaan qaban akka yaadattus dubbataniiru.

Iid waamicha abdiitis kan jedhan dura taa’aan kun, walitti hidhamiinsi biyyootaa fi hawaasota jidduu jiru akka cimu, kan rakkatan akka gargaarru, akkasumas nagaa, haqaa fi kabaja dhala namaaf irra deebinee waadaa keenya kan itti haaromsinudha jedhaniiru.

Ayyaana kana yeroo kabajnu harka qalleeyyii akka hindaganne jechuun dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015