Nageenya naannoo keenyatti argame cimsuun hojiiwwan misoomaa eegalaman itti fufsiisna- Jiraattota Magalaa Gullisoo - ENA Afaan Oromoo
Nageenya naannoo keenyatti argame cimsuun hojiiwwan misoomaa eegalaman itti fufsiisna- Jiraattota Magalaa Gullisoo
Bitootessa10/2018(ENA)–Jiraattonni Godina Wallaga Lixaa magaalaa Gullisoo nageenya naannoosaaniitti buusuun hojiiwwan misoomaa eegalaman itti fufiinsa akka qabaataniif kutannoon akka hojjetan ibsaniiru.
Waltajjiin marii kutaawwan hawaasaa adda addaa hirmaachise dhimmoota Nageenyaa, Misoomaa fi haala yeroorratti xiyyeeffate Magaalichatti gaggeefameera.
Jiraattonni magaalichaa maricharratti hirmaatan akka dubbatanitti, bu’uuraaleen misoomaa naannoosaaniitti ijaaramaa jiran yeroo qabameef keessatti xumuramuun tajaajilaaf akka dhaqqabaniif nageenyaaf xiyyeffannoo kennuun ni barbaachisa.
Rakkoowwan nageenyaa fi bulchiinsa gaarii ammaan dura turan tattaafii qindaawaa ummataa fi qaamolee nageenyaan furmaata argachaa jiraachuusaaniis dubbataniiru.
Jiraataan Magaalaa Gulisoo Sheek, Abduu Hasan, “Nageenya naannoosaanii cimsuun, hojiiwwan misoomaa itti fufsiisuuf qooda keenya ni baana” jedhaniiru.
Kanaafis hojiiwwan misoomaa eegalaman itti fufinsa akka qabaataniif, hawaasa naannichaa waliin qindaa’uun tattaaffii taasisan akka cimsan ibsaniiru.
Jiraataan magaalichaa biroon Obbo Taklee Moosisaa, yeroo ammaa qindoomina hawaasaa fi qaamolee nageenyaan nageenyi amansiisaan bu’eera jedhaniiru.
Jijiiramni argame akka itti fufuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin tumsa keenya ni cimsina jechuun ibsaniiru.
Waltajjii marii kana kan gaggeessan Bulchaan Godina Wallaga Lixaa, Obbo Taliilaa Tarrafaa, waggoottan darban rakkoo nageenyaa Godinichatti mudatee tureen hojiileen misoomaa saffisaa fi qulqullina barbaachisuun akka hin raawwatamne gufuu ta’ee turuusaa kaasaniiru.
Yeroo ammaa qidoomina hawaasaa fi qaamolee nageenyaan nageenyi bu’aa kan jiru yoo ta’u, hojiiwwan misoomaa bal’inaan hojjetamaa jira jedhaniiru.
Nageenyi argame kun cimee akka ittifufuuf hawaasni nageenyasaa eeguun milkaa’ina hojiiwwan misoomaaf hirmaannaa taasisu akka cimsuuf waamicha dhiheessaniiru.