Sagantaan Seeftineetii Misooma Magaalaa Faayidaa Diinagdee Lammiilee Mirkaneessaa jira - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan Seeftineetii Misooma Magaalaa Faayidaa Diinagdee Lammiilee Mirkaneessaa jira
Bitootessa 10/2018 (ENA): Ministeerri Misooma Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa akka ibsetti Sagantaan Seeftineetii Misooma Magaalaa magaalota keessatti hojiirra oole lammiilee naannoo galii gadi aanaan jiraataniif fayyadamummaa diinagdee mirkaneessaa jira jedhe.
Sagantaan Seeftineetii Misooma Magaalaa sagantaa tarsiimoo lammiilee magaalota keessa jiran fayyadamoo taasisuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf qophaa’edha.
Kaayyoowwan ijoo sagantichaa keessaa lammiilee galii gadi aanaa qaban deeggaruun carraa hojii akka uummtan taasisuudha.
Haaluma kanaan lammiileen hedduun hiyyummaa jalaa bahanii qabeenya uummachuu danda’aa jiru. Kunis waggaa sadi sadiin adeemsa leenjii keessa darbuun kan mirkanaa’edha.
Deetaan Ministira Misooma Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa obbo Fantaa Dajan ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, sagantaan Misooma Seeftineetii Magaalaa misoomaa kanneen biroo waliin walqabatee hojiirra oolaa jira jedhani.
Sagantaan Seeftineetii Misooma Magaalaa lammiilee galii gadi aanaa keessa jiraniif fayyadamummaa diinagdee mirkaneessuun hirkattummaa jalaa akka bahaniif kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas fayyadamtoonni sagantichaa qulqullina magaalaa fi miidhagina magariisaatiin carraa hojii mijeessuun jiraattota magaalaaf haala jireenyaa mijataa uumuu isaaniis ibsaniiru.
Kunis miidhagina magaalotaa kunuunsuu, naannoo magaalaa ammayyaa ijaaruu, qonna magaalaaf gumaacha olaanaa taasisaa akka jiru ibsaniiru.
Erga Sagantaan Seeftineetii Misooma Magaalaa eegalamee kaasee lammiileen miiliyoona 1.3 ceessisuun danda’ameera jedhan.
Bara baajataa 2018 ji’oota darban keessatti fayyadamtoonni Sagantaa Seeftineetii Misooma Magaalaa kuma 380 ce’uu ibsaniiru.
Waggoota sadan dhufan keessatti lammiilee Sagantaa Seeftineetii Misooma Magaalaatiin uwwifaman guutummaatti ceesisuuf akka hojjetamu ibsaniiru.