Riifoormiin Diinagdee Mandhaalee Itiyoophiyaa biyyatti bakka gahumsa Invastimantii filatamtuu taasiseera - ENA Afaan Oromoo
Riifoormiin Diinagdee Mandhaalee Itiyoophiyaa biyyatti bakka gahumsa Invastimantii filatamtuu taasiseera
Bitootessa 10/2018(ENA): Riifoormiin Diinagdee Mandhaalee Itiyoophiyaatti hojiirra oole , biyyattii bakka gahumsa Invastimantii mijattuu taasisuurra darbee, diinagdeeshee gara sadarkaa fooyya’aatti ceesisaa jiraachuusaa hojii gaggeessaan walii galaa Pirodaaktii Anmool Rajiib Shaarmaa ibsan.
Hojii gaggeessaan walii galaa kun turtii ENA waliin taasisaniin, tarkaanfiiwwan fooyya’insaa mootummaan fudhate haala mijataa Dureeyyii Alaaf uume ibsaniiru.
Haala mijataa Invastimantii Itiyoophiyaatti uumameen Dureeyyii Hindiif carraa bal’aa uumuusaa ibsaniiru.
Keessumaa Ministirri Muummee Hindii Nareendiraa Moodii yeroo dhiheenya kana Itiyoophiyaatti daawwannaan taasisan tumsa biyyoonni lameen damee Invastimantii fi Industiriin qaban gara sadarkaa olaanaatti ceesisuusaa ibsaniiru.
Biyyattiin fooyya’insa Diinagdee Mandhaaleen ammaan dura dureeyyii Alaaf cufaa kan turan dameelee daldalaa banuun dandeettii Invastimantiishee guddisuusaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Sababoonni Itiyoophiyaa bakka Invastimantii hawwataa taasisan baay’ee ta’uusanii itti dabaluun ibsaniiru.
Kanaanis Bu’uuraaleen Misoomaa gurguddaan Itiyoophiyaa keessatti ijaaramaa jiran Keessattuu ijaarsa buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu yeroo dhihoo eegalame, Sochii daldalaatiif haala mijataa dabalataa akka uumu ibsaniiru.
Gama biroon gabaa biyya keessaa bal’aa fi fedhiin omishaa fi tajaajilaa olaanaan jiraachuu eeruun, humni namaa dargaaggeessi hojii Invastimantiif qophii kan ta’an jiraachuun , dandeettii biyyattii guddaa isa biroo ta’uusaa itti dabaluun ibsaniiru.
Dureeyyiin kun eeyyama hojii, Viizaa fi tajaajiloota biroo Wiirtuu tokko keessatti haala qindaa’aa ta’een akka argatan taasifamuunsaa kutannoo mootummaan damee kanaaf qabu kan mul’isu ta’uu ibsaniiru.
Tarkaandfiiwwan sharafa Alaan fudhatameen,haala gabaa fayyaalessa uumuun dureeyyiin haala mijaataa dorgommii wal-qixaa akka argatanii fi dandeettiin dorgommiisaanii akka gabbifatan dandeessisuusaa dubbataniiru.
Dureeyyiin buleeyyiin Itiyoophiyatti Invasti gochuun muuxannoo qaban dandeettii guddaa qaban Hawaasa Idil-Addunyaaf beeksisuurratti, gahee olaanaa taphachuu akka qaban eeraniiru.