Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa baga ayyaana Iid Al-Faxiriin isin gahe jechuun ergaa dabarsan - ENA Afaan Oromoo
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa baga ayyaana Iid Al-Faxiriin isin gahe jechuun ergaa dabarsan
Bitootessa 10/2018(ENA)- Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa baga ayyaana Iid Al-Faxiriin isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ergaa baga geessanii fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin, ayyaanni Iid Al-Faxir guyyaa wal ta’uun ifti gammachuu itti calaqqisu ayyaana guddaadha jedhaniiru.
Soomanni Ramadaanaa guddichi amantaan gamatti akka waliif yaadnu nu taasiseera, soolaatni walitti nufideera, Ifxaarri maaddii tokkotti walitti nuqabaa tureera, walooma Itiyoophiyummaa keenya qabatamaan agarsiiseera jechuun ibsaniiru.
Duudhaaleen Iid Al-Faxir dhala namaa hundaaf faayidaa qaban ijaarsa biyyaaf barbaachisoodha kan jedhan Itti aanaan ministira muummee, gamtaa fi wal gargaarsa yeroo soomana guddichaatti eegalame fullaasuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Seenaarraa akka hubanutti biyyi waloomaa fi tolummaan ala ijaaramuu hin dandeessu. Harki tolummaa rakkoo gara abdiitti, imimmaan gara kolfaatti waan jijjiiraniif tolummaaf jabaachuun ni barbaachisa jechuun ibsaniiru.
Itiyoophiyaa sabdaneessa taateef waldanda’uu fi miidhagina garaagarummaa keessa jiru faaya godhachuun addunyaa fuulduratti dammaqinaan mul’achuun Itiyoophiyaa boruuf abdii ifaaf galaa akka ta’es ibsaniiru.
Imalli misoomaa Itiyoophiyaa fulla’aa akka ta’u, lammiilees itti fayyadamaa haqa qabeessa akka godu hundi keenya biyya keenyaaf waan dandeenyu hunda haa goonu jechuun itti aanaan ministira muummee daamaniiru.