Naannoo Somaaleetti ijaarsi pirojektoota adda addaa ummata fayyadan qulqullinaa fi saffisaan hojjetamaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Somaaleetti ijaarsi pirojektoota adda addaa ummata fayyadan qulqullinaa fi saffisaan hojjetamaa jiru
Bitootessa 10/2018 (ENA): Bulchaan Naannoo Somaalee obbo Musxafee Mohaammad hojii ijaarsa bu’uuraalee misoomaa naannichaa qulqullinaa fi saffisaan xumuruuf hojjetamaa jira jedhan.
Obbo Musxafaan adeemsa ijaarsa daandii asfaaltii Taayiwaan kiiloo meetira 1.2 magaalaa Jigjigaa keessatti ijaaramaa jiru daawwataniiru.
Ijaarsi daandii kanaa kallattii magaalattii adda addaa kan walqunnamsiisuu fi deemsa geejjibaa akka mijeessuus ibsaniiru.
Kanaaf daandiin kun qulqullinaa fi saffisa yeroo qabameefiitti xumuramaa akka jiru daawwannaa isaaniitiin mirkaneessuu ibsaniiru.
Magaalota naannichaa adda addaa keessatti ijaarsa bu’uuraalee misoomaa qulqullinaa fi saffisaan xumuruuf hojiin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Kanaaf ijaarsi pirojektoota ummata fayyadamoo taasisan magaalaas ta’e baadiyyaatti cimee itti fufuu mirkaneessaniiru.