Boba’aa qusannaan haa fayyadamnu-Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Boba’aa qusannaan haa fayyadamnu-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Bitootessa 10/2018(ENA)-Jiraattonni magaalichaa boba’aa qusannaan ittii fayyadamuun tumsa akka taasisan kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dhaaman.
Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreessaniin, sababa rakkoo jiddugaleessa bahaatti mudateen Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni boba’aa bitanii itti fayyadaman boba’aa akka garaasaaniitti argatanii itti fayyadamuuf rakkachuusaanii ibsaniiru.
Rakkoon mudate furamee dhiheessiin boba’aan gara idileetti amma deebi’utti qusannaan fayyadamuun akka barbaachisu dubbataniiru.
Kanaaf jiraattonni magaalichaa daandii gabaabaa lafoo deemuun, akkasumas Bishkiliitii fi konkolaataa Elektiriikaatti fayyadamuun tumsa akka taasisan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dhaamaniiru.