Tamsaasa Kallatti:

Iid al-Faxiriin namoota rakkatan gargaaruun kabajamuu qaba

Bitootessa 9/2018 (ENA): Hawaasni Musliimaa namoota rakkatan gargaaruu fi deeggaruun ayyaana Iid al-Faxir 1447ffaa kabajuu akka qabu Manni Maree Waliigalaa Dhimma Islaamaa Itiyoophiyaa akeekkachiise.

Ittaanaan Pireezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheehi Abduulkariim Sheehi Badiriin kabaja ayyaanichaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Ibsa isaanii keessatti hordoftoota amantaa Islaamaa hundaaf Ayyaana Iid al-Faxir bara 1447 sababeeffachuun ergaa baga gammaddan jedhu dabarsaniiru.

Ramadaanni ji’a gatiiwwan gamtaa, deeggarsaa fi wal hubannoon itti cimu ta’uu eeruun, safuu gaarii Islaamaa yeroo soomaatti waloo ta’e Ramadaana booda cimee itti fufuu akka qabu dubbataniiru.

Hordoftoonni amantaa Islaamaa namoota rakkatan gargaaruun, dhukkubsattoota daawwachuudhaan, harka qalleeyyii waliin qooddachuun Ayyaana Iid al-Faxir kabajuu akka qabanis dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015