Tamsaasa Kallatti:

Qophiiwwan hammattoo seeraa dhaabbilee hojii irra oolmaa imaammata haqaa ce’umsaa hundeessuuf dandeessisan xumuramaniiru- Ministira Haannaa Ari’ayaasillaasee

Bitootessa 9/2018(ENA)– Qophiiwwanhammattoo seeraa dhaabbilee hojii irra oolmaa imaammata haqaa ce’umsaa hundeessuuf dandeessisan xumuramuusaanii Ministirri haqaa Haannaa Ari’ayasillaasee ibsan

Ministirri Haqaa Haannaa Ar’ayasillaasee turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, jijjiirama biyyaalessaa booda bu’uurawwan seeraa deebii dhimma heeraa barbaadan murteessoo ta’anirratti fooyya’iinsi taasifameera.

Kanaanis Kitaabni dhimma Seera Daldalaa waggoota hedduuf hojiirra ture dabalatee, seerota furtuu 20 ol ta'an irratti tarkaanfiiwwan fooyya'iinsaa fudhatamaniin dhaabbilee cimsuu keessatti gahee murteessaa bahachaa akka jiran ibsaniiru.

Tajaajila haqa Hawaasaan, duudhaalee uummataa wal-dhabdee ittiin furaniif beekamtii kennuun sirna haqaarratti shoora murteessaa bahaa jiraachuu dubbataniiru.

Kanaanis, hojiiwwan Fooya’insa Sirna Haqaa, Abbaa Seeraa fi dhaabbiileen Dimokirasii Dhiibbaa Siyaasaa kamirraayyuu walaba ta’anii hojiisaanii idilee akka raawwataniif haalli dandeessisu akka uumame ibsaniiru.

Gama biroon jijjiirama Mootummootaa keessatti Sarbama Mirga Namoomaa mudachaa tureef furmaata waaraa kennuuf qooda olaanaa akka qabaatuuf imaammanni fooya’insa haqaa qophaa’uu kaasaniiru.

Imaammanni ce’umsaa haqaa Sarbama mirga namoomaa Jijjiirrama Mootummootaa fi walitti bu'iinsoota yeroo adda addaa keessatti lammiilee irratti raawwataman karaa guutuu ta'een furmaata kennuuf mirkanaa'ee hojiitti galamuusaa hubachiisaniiru.

Sarbama mirga namoomaa raawwatamanirratti, gafatamummaa mirkaneessuu, dhiifama gochuu, dhugaa barbaaduu, kaasaa, Araaraa fi fooya’insa dhaabbileef taasisuun qajeeltoowwan ijoo imaammata ce’umsa haqaa ti jedhaniiru.

Imaammata kana bu’uura godhachuun, gafatamummaa yakkaa mirkaneessuun, dhugaa barbaaduunii fi hawaasa gidduutti Araara uumuun, ijaarsa nageenyaa fulla’aa fi mirkanaa’uu misoomaatiif bu’uura amansiisaa akka kennu hubachiisaniiru.

Kanaafis, hammattoon seeraa Dhaabbilee ce’umsa Imaammata haqaa guutummaa guutuutti hojiirra oolchisiisuu dandeessisan qophiin qaama seeraa Xumuramee akka jiru eeraniiru.

Hammattoowwan Seeraa imaammata kana hojiirra oolchuuf qophaa’an keessatti, dhaabbiileen dhugaa barbaadan, Araara, Bulchiinsa haqaa, abbaa Alangaa addaa fi dhaabbilee Mana murtii dhaddacha addaa akka jiraatan hubachiisaniiru.

Gara fuulduraattis, hojiiwwan imaammata kanaa dhaabbilee kanaa raawwataman Lammiilee gidduutti wal-amantaa cimsuun, mootummaa fulla’aa fi jabaa ijaaruu keessatti qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015