Tamsaasa Kallatti:

Baankota Itiyoophiyaa fi zooniiwwan industiriin kan misoomfaman qajeelfamni dandeettii abbootii qabeenyaa cimsu hojiirra ooleera

Bitootessa 9/2018 (ENA): Dhaabbanni korporeeshinii Misooma Paarkii Industirii dandeettii al-ergii fi bakka bu’aa oomishaa baankota dhuunfaa fi mootummaa Itiyoophiyaa fi abbootii qabeenyaa zoonii industirii misoomsan cimsu qajeelfamni walta’iinsaa hojiirra ooluu beeksise.

Waltajjiin marii hirmaannaa dhaabbilee faayinaansii zoonii diinagdee addaa cimsuuf adeemsifamaa jira.

Waltajjicharratti Daarektarri Olaanaan Oppireeshinii fi Bulchiinsa Paarkii obbo Fitsum Katamaa akka ibsanitti, Waggoota darban keessa zooniiwwan industirii yaa’insa invastimantii doolaara Ameerikaa biiliyoona 15 ol hawwatan ijaaramaniiru jedhani.

Akkasumas yeroo ammaa kanatti Dhaabbanni Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwanii zoonii diinagdee addaa 11, paarkiiwwan industirii giddu galeessaa lamaa fi paarkii Ayisiitii tokko bulchaa akka jiru ibsaniiru.

Yeroo darbe abbootiin qabeenyaa zoonii industirii Itiyoophiyaa keessatti kan hirmaatan irra caalaan isaanii biyya alaa irraa akka ta’an yaadachiisaniiru.

Hojiiwwan abbootii qabeenyaa biyya keessaa jajjabeessuuf hojjetaman keessatti abbootii qabeenyaa 250 yeroo ammaa zoonii industirii keessatti hirmaatan keessaa dhibbeentaan 65 abbotii qabeenyaa biyya keessaa ta’uu ibsaniiru.

Kunis dandeettii abbootii qabeenyaa biyya keessaa bu’uuraalee misoomaa jiran fayyadamuun zoonii industirii misoomsuu akka dabalu ibsaniiru.

Oomishtummaa abbootii qabeenyaa biyya keessaa eeguuf bu’uuraaleen misoomaa, dhiyeessii faayinaansii fi sirna faayinaansii yeroo qusatu kan dorgomtummaa eegu akka barbaachisu ibsaniiru.

Kanaafis Labsiin Zoonii Diinagdee Addaa abbootii qabeenyaa zoonii industirii fi baankota hundaaf misoomsaa jiranii fi baankonni hundi ulaagaa barbaachisu guutanii waliin hojjechuuf carraa uumeera jedhan.

Abbootii qabeenyaa fi baankonni zoonii industirii keessatti invast godhanis tumsa cimaa oomishtummaa fi faayidaa waliinii itti fufsiisu ijaaruu qabu jedhani.

Gumaacha zoonoonni industirii oomisha al-ergii fi galtee, carraa hojii fi ce’umsa teeknooloojii guddisuuf dandeettii walta’iinsaa guddisuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015