Tamsaasa Kallatti:

Bulchiinsi Magaalichaa Ayyaana Iid-Alfaxir Sababeeffachuun Lammiilee kuma 1 ol ta’aniif deeggarsa taasise

Bitootessa 9/2018(ENA) : Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Ayyaana Iid-Alfaxir Sababeeffachuun Lammiilee kuma 1 ol ta’aniif deeggarsa taasisuu Kantiibaa Adaanech Abeebee dubbatan.

Lammiilee Magaalicha keessa jiraatan haala rakkisaa keessa jiraniif, harka qal’eeyyiif, qaama miidhamtootaa fi manguddoota nama isaan deeggaru hin qabneef Kutaalee Magaalichaa fi Aanaalee hundatti deeggarsi gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Baatii Ramadaan kana keessa lammiwwan keenya naannoo kuma 27 ta'an guutuu ji'ichaatti wiirtuuwwan dhiyeessii Soorataa 28 keessatti Sagantaan Afixiraa qophaa'eefii rakkoo malee akka dabarsan taasifameera jedhaniiru.

Kantiibaa Adaanechi Maaddii qooddachuun kan taasifnu rakkoo yeroo furuuf qofa osoo hin taane, kabaja uummata keenyaaf qabnu ibsuuf, akkasumas obbolummaa fi duudhaa waldeeggaruu, cimsuufi jedhaniiru.


 

Keesumattuu sagantaan Maaddii qooduu guyyaa hara’aa waajjira Kantiibaatti taasifameef,hojii gaggeessaa olaanaa Miidrook- Invastimenti Giruuppii, Jamaal Ahimadii fi Imbaasii Yuunaayitid Arab Imireetiif galata onneerraa maddeen dhiheessa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015