Xaaliyaaniin ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu deeggaruuf fedhii akka qabdu ibsite - ENA Afaan Oromoo
Xaaliyaaniin ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu deeggaruuf fedhii akka qabdu ibsite
Bitootessa 9/2018 (ENA)- Xaaliyaaniin ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu deeggaruuf fedhii akka qabdu beeksifte.
Gareen jilaa Itiyoophiyaa ministira maallaqaa Ahimad Shideen durfamu ministira dinagdee fi faayinaansii Xaaliyaanii Jiiyankaarloo Jiiyorgetii waliin Roomitti mari’ateera.
Gareen jilaa kun Xaaliyaanitti ambaasaaddara Itiyoophiyaa Dammituu Hambisaa dabalatee ministira maallaqaa fi hoggantoota olaanoo garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa ofkeessatti qabateera.
Ministeerri dinagdee fi faayinaansii Xaaliyaanii sagantaa deeggarsa bajataa baankii addunyaa maallaqaa waliin wal cinaatti sagantaa imaammata misoomaa Itiyoophiyaa deeggaruuf walii galeera.
Deeggarsi kun ajandaa fooyyessa dinagdee gooroo Itiyoophiyaan itti jirtuuf deeggarsa ijoo akka godhu ibsa ministeerri maallaqaa ENA’f ergeen beeksiseera.
Xaaliyaaniin pirojektii madda anniisaa elektiriikaa Koyishaa xumuruuf hanqina maallaqaa dhihaate guutuuf akka carraaqxu ibsiteetti.
Marii taasisaniin ijaarsa pirojektii biyyaalessaa guddaa kan ta’e buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu irratti tumsaan hojjechuun haala danda’amurratti mari’atameera.
Ministirri dinagdee fi faayinaansii Xaaliyaanii Jiiyankarloo Jiiyorgetii raawwii cimaa daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa agarsiisaa jiru dinqisiifatanii, Xaaliyaaniin karaa dhaabbileeshee Faayinaansiitiin kutaalee pirojektoota filatamaniif deeggarsa taasisuuf qophii ta’uushee ibsaniiru.