Inisheetiiviin misooma Qamadii Magaalichatti hojjetamaa jiru wabii nyaataa mirkaneessuun galmoota Badhaadhina biyyaa dhugoomsuu keessatti gumaacha taasisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Inisheetiiviin misooma Qamadii Magaalichatti hojjetamaa jiru wabii nyaataa mirkaneessuun galmoota Badhaadhina biyyaa dhugoomsuu keessatti gumaacha taasisaa jira
Bitootessa 9/2018(ENA)- Inisheetiiviin misooma Qamadii Magaalichatti hojjetamaa jiru wabii nyaataa mirkaneessuun galmoota Badhaadhina biyyaa dhugoomsuu keessatti gumaacha taasisaa jiraachuu waajjirri komishinii magaalichaa beeksise.
Tarkaanfiiwwan Mootummaan Badhaadhinaa cehumsa dinagdee mirkaneessuuf irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru keessaa dinagdeen damee Qonnaa isa tokko yoo ta’u, Oomishtummaa dabaluun wabii midhaan nyaataa sadarkaa hundatti mirkaneessuu, al-ergii humneessuu, carraa hojii uumuu fi oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuun tasgabbii gabaa uumuu galmoota kan taasifate ta’uun ni beekama.
Mootummaan Badhaadhinaas galmoota imala Badhaadhinaa dhugoomsuuf carraawwan, qabeenya bishaanii fi humna Oomishtummaa guutummaatti hojiirra oolchuun bu'a-qabeessummaa dinagdee damee qonnaa cimsuuf waqtiilee hunda waqtii Oomishtummaa taasisuun dinagdeen Qonnaan bultootaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.
Gama Kanaan Inisheetiiviin misooma Qamadii magaalaa Shaggaritti bu’a qabeessa ta’aa jiraachuu odeeffannoon waajjira komunikeeshinii magaalaa ni mul’isa.
Keessumattuu waggoottan jijjiiramaan asitti xiyyeeffannoo Mootummaan Oomisha Qamadiif kenneen Aadaawwan hojii amma dura turan jijjiiruun waqtiilee hunda waqtii misoomaa taasisuun hojii hojjetameen dinagdeen qonnaan bultootaa akka fooyya'u taasifamuusaa fi magaalaa Shaggarittis kun dhugoomaa akka jiru ibsameera.
Tarkaanfiin kun Qonna rooba gannaa qofa irratti hirkate hambisuun tekinooloojiiwwan jallisii fi makaanaayizeeshinii qonnaa ammayyaa'aan akka babal'atu taasisuun hiyyummaa seenaa taasisaa jira.
Magaalaa Shaggarittis copha bishaanii fi tekinooloojiiwwan makaanaayizeeshinii qonnaatti fayyadamuun Oomishtummaa Qamadii dachaan dabaluuf hojii hojjetameen wabiin midhaan nyaataa mirkaneessuu irra darbee, fooyya'insa dinagdee gonfachiisuun galmoota Badhaadhinaa dhugoomsaa jira.
Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Galaan Guddaa Aanaa Lakkuulee Gajjaatti Qamadiin jallisiin misoomfamaa jiru kana kan dhugoomsu ta’uu odeeffannoon waajjira komunikeeshinii magaalaa Shaggar ni mul’isa.
waajjira koomunikeeshinii Magaalaa shaggarirraa