Tamsaasa Kallatti:

Mirga dimookiraasii keenyatti fayyadamuun, filannoo irratti dammaqinaan hirmaachuuf qophiidha - Dubartoota Magaalaa Ciroo

Bitootessa 9/2018 (ENA): Dubartoonni Magaalaa Ciroo hirmaannaa siyaasaa isaanii guddisuu fi mirga dimokiraasii isaaniitti fayyadamuuf filannoo waliigalaa torbaffaa irratti hirmaachuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.

Magaalattii keessatti daldala xixiqqaa irratti kan bobba’an aadde Hamalmaal Fantaa ENA waliin turtii taasisaniin , filannoo waliigalaa bara kanaa irratti paartii siyaasaa isaaniif gaarii ta’a jedhanii amanan filachuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.
Kaardii galmee filattotaa argachuun akkaataa sagantaa Boordiin Filannoo kaa’een sagalee kennuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Akka aadde Hamalmaal ibsanitti paartii faayidaa dubartootaaf dhaabbatu, guddina biyyaaf hojjatu, nageenya mirkaneessuun tokkummaa biyyaa cimsu filachuuf qophaa’eera jedhani.
Dubartoonni biroo mirga galmaa'uu fi kaardii galmee filannoo isaanii yeroon akka argatan waamicha dhiheessiteetti.

Jiraattuun magaalichaa kan biraa aadde Mastawaal Laggasaa paartii siyaasaa murtee dubartootaa fi fayyadamummaa misoomaa guddisuuf hojjetu filachuuf qophii ta’uu himan.
"Filannoon daandii ijoo mootummaa biyyattii hoogganu filachuuf murteessaadha dha “kan jedhan aadde Mastawaal, falmiin paartilee waldorgoman gidduutti miidiyaan taasifamaa jiru qaama faayidaa waliigalaa dubartootaaf hojjetu adda baasuuf haala mijataa kan uume ta’uus ibsaniiru.

Adeemsi filannoo karaa nagaa fi amansiisaa ta’een akka xumuramuuf gahee keenya ni ba’anna kan jedhan immoo aadde Caaltuu Abbaasidha.
Dubartoonni akkuma adeemsa misoomaa keessatti hojjetan, filannoo kana keessatti gahee isaanii akka bahatanis dhaamaniiru.
Dubartoonni mirga dimokiraasii isaaniitti fayyadamanii kaadhimamaa itti amanan akka filatanii fi waraqaa sagalee isaanii itti kennanis akka fudhatan dhaamaniiru aadde Caaltuun.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015