Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin walii galtee idaa dheeressuuf waliigalan - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin walii galtee idaa dheeressuuf waliigalan
Bitootessa 9/ 2018 (ENA) : Itiyoophiyaafi Xaaliyaaniin waliigaltee idaa dheeressuu mallatteessuun tumsa tarsiimawaa isaanii cimsan.
Waliigalticha Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee fi Ministirri Ministeera Diinagdee fi Faayinaansii Xaaliyaanii Jiiyaankaarloo Joorgeetiin mallatteessaniiru.
Waliigalteen kun bu’uura hammattoo waloo adeemsa koree liqeessitootaa biyyoota miseensa garee 20’n mallattaa’uu eerameera.
Waliigaltichi tumsa tarsiimawaa misoomaa biyyoota lameenii kan cimsuufi fooyyessii diinagdee Gooroo Itiyoophiyaa kan deeggaru ta’uun ibsameera.
Obbo Ahimad Shiideen wayita kana waliigaltee kanarra gahuuf hirmaannaa Xaaliyaaniin goote dinqisiifataniiru.
Jiiyaankaarloo Joorgeetiin gama isaaniin, waliigaltichi dhimmoota fooyyessii diinagdee Gooroo Itiyoophiyaan dursi kennamuuf waliin kan walsimu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.
Dabalataan waliigalteen kun Itiyoophiyaan Michuu ijoo kan taate kan Xaaliyaanii Karoora Maatteyii Afrikaaf “Mattei plan for Africa” jedhuuf gumaacha kan qabu ta’uu odeeffannoon Ministeerri Maallaqaa ENA’f erge mul’isa.
Jilli Ministira Maallaqaa Ahimad Shiideen durfamu hariiroo biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii cimsuuf yeroo ammaa Xaaliyaanii Roomaa jira.
Karoorri Maatteey bara akka lakkoofsa warra faranjootaatti 2022 Ministirri Muummee Xaaliyaanii Giyorjiyaa Melooniin labsame kun tumsa diinagdee fi misoomaa Xaaliyaan Afrikaa waliin qabdu cimsuuf kan akeekedha.
Kunis bu’uura tarsiimoo Yuuroo biiliyoona 5.5’n maqaa hundeessaa dhaabbata boba’aa fi gaazii biyyoolessaa Xaaliyaanii Enerikoo Mattei’n moggaafame.
Dhaabbatichi Afrikaa waliin ta’uun gargaarsa yeroo gabaabaa caalaa tumsa dinagdee yeroo dheeraaf dursa kennuuf hojjechaa jira.
Guddina diinagdee Afrikaa deeggaruun, carraa hojii babal’isuun, Afrikaan akka michuu dhiyeessituu anniisaa Awurooppaatti guddisuu, rakkoo dinagdee Afrikaa furuu fi godaansa seeraan ala ta’e madda isaa irratti dhaabuu, akkasumas tola ooltummaa bira darbee faayidaa waliinii fi tumsa uumuun kaayyoowwan ijoo karoorichaati.