Tamsaasa Kallatti:

Riyaal Maadiriid PSG fi Arsenaal gara nuusa xumuraatti darban 

Bitootessa 9/2018(ENA)–Taphni deebii mo’atanii darbuu Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa galgala gaggeeffameera.

Tapha galgala Istaadiyeemii Itihaditti gaggeeffameen  Riyaal maadiriid Maanchistar Siitii 2 fi 1n injifateera. 

Viinishi Juniyeerii taphaanii fi rukkuttaa Adabbiin galchii lakkoofsisaniiru. 

Arliingi Haalaandi Siitiif galchii tokkicha lakkoofsiseera. 

Taphataan Ittisaa Maanchistar Siitii  Barnaandoo Siilvaa daqiiqaa 20ffaatti kaardii diimaan dirree keessaa baheera. 

Riyaal maadiriid qabxii ida’amaa 5 fi 1n injifachuun  nuusa xumuraatti makameera.

 Sagantaa biroon  PSGn Chelsii 3 fi 0n injifateera. 

 Tapha Istaadiyeemii Istaampifoordi Biriijitti gaggeeffameen  Kiivaaraaskeeliyaa, Biraadilii Baarkola fi Senii Mayuuluu galchiiwwan injifannoo  lakkoofsisaniiru. 


 

Injifataan dorgommii waktichaa PSGn, chelsii qabxii ida’amaan 8 fi 2n injifachuun  nuusa xumuraatti makameera.

Tapha Istaadiyeemii Emireetisitti gaggeeffameen Arsenaal Baayerleverkuseniin 2 fi 0n injifateera. 


 

Eberechii Eeze fi Deeklaan raayis galchi lakkoofsisaniiru. 

Arsenaal qabxii Ida’amaan 3fi 1n injifachuun nuusa xumuraatti darbeera.  

Tapha har’a gaggeeffameen Ispoortiing Liizban Bodo giliimtiin  5fi 0’n injifachuun qabxii Ida’amaan 5 fi 3n injifachuun  nuusa xumuraatti  makameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015