Boqonnaa haaraa Dandeettii Ofiin Birmadummaa Loojistiksii keenyaa itti mirkaneessinurratti argamna- Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Boqonnaa haaraa Dandeettii Ofiin Birmadummaa Loojistiksii keenyaa itti mirkaneessinurratti argamna- Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Bitootessa 8/2018(ENA): Boqonnaa haaraa Dandeettii Ofiin Birmadummaa Loojistiksii keenyaa itti mirkaneessinurratti argamna jechuun itti aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Itti Aanaan Ministira Muummee ergaa fuula Miidayaa Hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, har’a pirojektii babal’isuu buufata fe’umsa Indoodee fi Sarara Baaburaa AMG irratti daawwannaan taasisfne fooyya’insi Dinagdee Itiyoophiyaa bu’uura cimaarra dhaabbachuusaa qabatamaan kan mirkaneessedha jedhaniiru.
Sararri Baaburaa AMG fi Indoodee bu’uuraalee misoomaa Baaburaa Kaampaanii dhuunfaa Mandhaaleen maallaqaan deeggaramee isa jalqabaati jechuun ibsaniiru.
Kunis dameeleen dhuunfaa ijaarsa biyyaa keessatti kutannoo qaban kan argisiisudha kan jedhan, itti aanaan Ministira Muummee kun yeroo qabameefii dursee xumuramaa jiraachuu ibsuun, kunis sagantaa “karoorsuun eegaluu, eegaluun xumuruu” jedhu cimsaa jira jechuun dubbataniiru.
Sararri Baaburaa Km-3 Zoonii Diinagdee Galaanitti oomishaalee omishaman, buna dabalatee kallattiin sarara baaburaa waliin wal-qunnamsiisuun, oomishaaleen saffisaa fi gatii dorgomaa ta’een gabaa Addunyaaf akka dhihaatu dandeessisaa jedhaniiru.
Sagantaan babal’isaa Buufata fe’umsaa Indoodee dandeettii kuusaa Konteenarii dachaa 5’n yoo dabalu, yeroo fe’umsaa buusaa fi fe’umsa fe’uu sa’aatii 10’n irraa gara sa’aatii 2tti gad-buusuun sirna daldala keenyaa ni ammayyeessa, tajaajila loojistiksii ariifataas ni uuma jedhaniiru ergaasaniin.
Bu’uuraaleen misoomaa dandeettii ofiin ijaaraman kunneen dorgomtummaa loojistiksii keenyaa fooyyessuurra darbanii, birmadummaa Dinagdee keenya ni cimsu jechuun ibsaniiru.
Itiyoophiyaa gidduugala daldalaa fi Industirii Afrikaa gochuuf imala taasisnu cimsinee itti fufna jedhaniiru.