Tamsaasa Kallatti:

Ministeerri Nageenyaa Balaa Uumamaa Godina Gaamootti mudateef lammiilee miidhaan isanirra gaheef deeggarsa birrii miiliyoona sadii taasise

Bitootessa 8/2018(ENA): Ministeerri Nageenyaa balaa sigiga lafaa Godina Gaamootti mudateen lammiilee miidhaa irra gaheef deeggarsa birrii miiliyoona sadii taasiseera.


 

Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis, wayita deeggarsichaa kennan ergaa dabarsaniin, lammiileen miidhaan isaanirra gahe akka dandamataniif mootummaa fi uummanni itti dheheenyaan deeggarsa taasisaa jiraachuu dubbataniiru.


 

Kanaanis Ministeerri Nageenyaa lammiilee balichaan miidhamaniif yeroo ammaa deeggarsa birrii miiliyoona 3 taasisuusaa ibsaniiru.

Lammiilee keenya dhaabbataan dandamachiisuuf deeggarsi keenya cimee itti fufa kan jedhan ministirri kun, wal deeggaruun rakkoo keessa darbuu qabna jedhaniiru.

Haaluma wal-fakkaatuun Manni Maree Saboota Kibba Itiyoophiyaa, biiroo Tuurizimii, biiroo innooveeshinii fi teekinooloojii waliin ta’uun deeggarsa birrii kuma 300 kennaniiru.


Bulchaan Godina Gaamoo doktar Damissee Admaasuu dhaabbilee fi namoota dhuunfaa deeggarsa taasisa jiran galateeffataniiru.

Guyyaa balaan kun mudatee eegalee qaamoleen mootummaa, dhaabbileen moootummaa fi miti mootummaa, akkasumas namoonni dhuunfaan lammiilee miidhaman deeeggaruu fi jajjabeesuurratti kan argaman ta’uu ibsaniiru.

Hojiin deeggarsa yeroo akkuma jirutti ta’ee, bulchiinsichi hojii bu’uraan isaan dandamachiisuu cimee akka itti fufu ibsuun, kanaanis qaamolee miidhaman cinaa kan dhaabbatan galateeffataniiru.

Guyyaa kaleesaa dhaabbileen qaama mootummaa fi miti mootummaa deeggarsa maallaqaa fi kan biroo birrii miiliyoona 3 tuqaa 3tti tilmaamu kennuu isaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015