Magaalaa Baatuutti Bulchiinsaa fi itti fayyadama lafaarratti hojiiwwan hojjetaman bu’aa qabeessadha - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Baatuutti Bulchiinsaa fi itti fayyadama lafaarratti hojiiwwan hojjetaman bu’aa qabeessadha
Bitootessa 8/2018(ENA)–Naannoo Oromiyaa Magaalaa Baatuutti Sirna Bulchiinsaa fi itti fayyadama lafaa Ammayyeessuun, weerara lafaa seeraan alaa ittisuurratti bu’aa gaariiin galmaa’uun ibsameera.
Itti gaafatamaan Bulchiinsa Lafa Magaaalichaa Obbo Kidaanee Turaa ENA’f akka ibsanitti, qabeenya lafaa sirnaan bulchuu fi Al-seerummaa damichaan mul’atu ittisuuf hojii hojjetameen bu’aan qabatamaan argameera.
Kunis deddeebbii hawaasarra gahaa ture hir’iseera kan jedhan hogganaan kun, hojiiwwan jijjiiramaa baatiiwwan darbanitti hojjetamaniin bu’aan abdachiisaan argameera jedhaniiru.
Faayila baasuu ( barbaaduu) fi yeroo maqaa jijjiiruu komiiwwan turan kan hanbise yoo ta’u, keessumaa qabiyyee tokkorratti kaartaa lamaa ol baasuun hojmaatni badaan raawwatamaa ture akka dhaabbatu ta’eera jedhaniiru.
Qabiyyeewwan seera qabeessa ta’an gara kaadastara ammayaa’aatti akka galan ta’uusaatiin galiin magaalichaa lafarraa argamu akka dabalu taasisuu hubachiisaniiru.
Dabalataanis qabiyyeewwan dabalataa dhaabbilee fi namoota dhuunfaan qabamanii turan sirna Liiziin gara seera qabeessatti akka galan taasifamuu hubachiisaniiru.
Labsii liiziin dura kan turan qabiyyeewan seeraan Alaa gara kaadastara seera qabeessaatti akka galan taasifamuu kaasaniiru.
Bara baajatichaatti kaartaa kaadastara dijiitaalaa kennamuusaanii fi qabiyyeewwan kuma 11 ol gara kaadastaraatti akka galan taasifameera jedhaniiru.
Walii gala hojmaaticha gara sirna ammayyaatti jijjiiruun danda’amuusaatiin bara baajatichaatti hanga ammaatti, galiin birrii Miiliyoona 144 ol argamuusaa eeraniiru.
Lafti hektaarri 46 seeraan ala qabamee ture gara baankii lafaatti deebisiisuun danda’amuusaa ibsaniiru.
Yeroo amma tajaajiloota lafa waliin wal-qabatanii jiran guutummaa guutuutti gara sirna on-laayiniiti (dijiitaala) taasisuuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.