Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Shaggaritti manneen qorichaa moodela hawaasaa qoricha gatii madaalawaan dhiheessaa jiru

Bitootessaa 7/2018(ENA)- Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti manneen qorichaa moodela hawaasaa qoricha qosa garagaraa gatii madaalawaan dhiheessaa jiraachuu waajjirri fayyaa bulchiinsa magaalichaa beeksise.

Itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar obbo Abarraa Botoree ENA’f akka himanitti magaalichatti waggaa sadan darbanitti rakkoolee fayyaan walqabatee jiru furuuf qindoominaan hojjetamaa jira.

Magaalichatti waggoota sadan darbanitti manneen qorichaa moodela hawaasaa ijaaraman hanqina qorichaa dhaabbilee fayyaa naannichaa mudachaa ture furaa akka jiru beeksisaniiru.

Dhiyeessi qorichaa dabaluu fi maneen qorichaa moodela hawaasaa babal’isuurratti hojii xiyyeeffannoon hojjetameen bu’aa guddaan argameera jedhan.

Haaluma Kanaan buufata fayyaa tokkoof bajanni birrii miiliyoon 300 ramadamaa ture waggoottan sadan darbanitti gara biiliyoona sadiititti guddisuun rakkoo dhiyeessii qorichaa furuun dandeenyeerra jedhan.

Manni qorichaa moodela hawaasaa qoricha sadarkaa buufata fayyaatti hin argamne galchanii dhiiyeessuu akka danda’an kaasaniiru.

Waggoottan sadan kanatti Keessattuu maneen qorichaa moodela hawaasaa 2 ture gara 30 guddisuun yeroo ammaa kana walii galaan maneen qorichaa moodela hawaasaa 32 irra ga’eera jedhan.

Haaluma Kanaan hawaasni magaalichaa maneen qorichaa kanarraa qoricha ajajameef gosaa fi gatii madaalawaan argataa jiru jedhaniiru.

Dabalataan bara kana maneen qorichaa saddeet ijaaruuf karorfamee hangaa ammatti 6 xummura irra akka jiruu fi dhuma bara bajata kanatti mana qoricha hawwasa 38 hangaa 40 tajaajila ni kenna jechuun dubbataniiru obbo Abarraan.

Qisaasama qorichaa hir’isuuf teeknoolojiiwwan haaraa hojiirra oolaa akka jiruu fi keessattuu bara bajataa kanatti Qisaasamni qorichaas akka hin jiraannee dhaabbilee fayyaatti sirni bulchisa qorichaa ammayyaa hojiirra oolaa akka jiruu fi hojii kanas dijitaalessuun dhaabbilee fayyaatti hojjetama jira jedhaniiru.

Akkasumas bara bajataa kanatti qisaasama qorichaa maddarraa furuuf qorannoo irraatti hundaa’uun haala qabatamaa naannowwanii bu’ureeffachuun fedhiin dhiyeessii qorichaa keessummeessuun hojjetaa jirra jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015