Itiyoophiyaa fi Xaaliyaan tumsa isaanii cimsuuf kutannoo waloo qaban ibsani - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Xaaliyaan tumsa isaanii cimsuuf kutannoo waloo qaban ibsani
Bitootessa 7/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Xaaliyaan tumsa bara dheeraa qaban daran cimsuuf akka hojjetan beeksisan.
Jilli Ministira Maallaqaa Ahimad Shiideen durfamu yeroo ammaa kana daawwannaa hariiroo biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii cimsuuf kaayyeffate Xaaliyaanii magaalaa Roomitti argamu.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideen Ministira Dhimma Alaa Xaaliyaanii fi Tumsa Idil Addunyaa Eedmondo Chireelii waliin mari’ataniiru.
Mariin kun walitti dhufeenya Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii babal’isuu tumsa diinagdee, tumsa misoomaa, invastimantii damee dhuunfaa fi tasgabbii naannoo irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee haala riifoormii dinagdee Gooroo Itiyoophiyaa irratti ibsa kennaniiru.
Tasgabbii dinagdee itti fufiinsa qabu mirkaneessuu, haala invastimantii fooyyessuu fi guddina hunda hammate mirkaneessuuf tattaaffii itti fufiinsa qabu irrattis odeeffannoo haaraa kennaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Xaaliyaanii fi Tumsa Idil-addunyaa Edmondo Chireelii jijjiirama diinagdee Itiyoophiyaa galateeffachuun tasgabbii naannichaa keessatti gahee ishee qabdu ibsaniiru.
Ministirri kun, Xaaliyaan dursa misoomaa Itiyoophiyaaf qabdu karaa Ministira Muummee Giyoorjiyaa Melooniin deeggaruuf kutannoo akka qabdus irra deebi’anii mirkaneessaniiru. Walta’iinsa Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii yeroo dheeraaf ture daran cimsuuf waliigaluu isaanii ibsi Ministeera Maallaqaa ENA’f erge ni mul’isa.