Waldaaleen ogummaa qulqullinaa fi waliin gahiinsa Tajaajila fayyaa sadarkaa tokkoffaa cimsuu keessatti gaheesaanii bahuu qabu - ENA Afaan Oromoo
Waldaaleen ogummaa qulqullinaa fi waliin gahiinsa Tajaajila fayyaa sadarkaa tokkoffaa cimsuu keessatti gaheesaanii bahuu qabu
Bitootessa 7/2018 (ENA)– Waldaaleen ogummaa qulqullinaa fi waliin gahiinsa Tajaajila fayyaa sadarkaa tokkoffaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qaban cimsuu akka qaban Deetaan Ministira Fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa ibsan.
Waldaan eegumsa fayyaa Itiyoophiyaa sagantaa jalqabsiisa konfiraansii waggaa 37ffaa Bitootessa 6 hanga 8 bara 2018tti turu gaggeesseera.
Deetaan Ministira Fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa wayita sana akka jedhanitti, Mootummaan Sirna Fayyaa ammayyeessuuf ogeeyyii fi waldaalee damicharratti bobba’an waliin hojjechaa jira.
Waldaan Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa guutuu biyyaalessaatti waajjira dameewwansaa banee hawaasa bal’aa tajaajilaa jiraachuu ibsuun, kanaafis galanin ni malaaf jedhaniiru.
Bu’aawwan Qorannoo fi qo’annoon Waldaa Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa Immaammattoota Mootummaaf, tarsiimoo fi karooraaf akka galteetti ni fayyada jedhaniiru.
Mootummaan sirna fayyaa ammayyeessuuf tattaaffii taasisu keessatti waldichi ogeeyyii fayyaaf leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsu kennuun deeggaraa akka jiru ibsaniiru.
Akkasumas, dhukkuba HIV/AIDS, Fayyaa Haadhoii fi daa’immanii, tajaajila karoora maatiirratti hojiiwwan murteessoo raawwachaa akka jiru dubbataniiru.
Waldichi fedhii fayyaa lammiilee, qulqullinaa fi waliin gahiinsa akkasumas fayyadamummaa haqa qabeessa, mirkaneessuuf tajaajila fayyaarratti xiyyeefannoon hojjechaa jiraachuu mirkaneesaniiru.
Pirezidaantiin Waldaan Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa doktar Aggonaafir Takkaaliny gama isaaniin, waliin gahiinsa fayyaa hundagaleessa guddisuuf hojiiwwan bu'a qabeessi raawwatamaa jiraachuusaanii ibsaniiru.
Waldichi misensota kuma 10 ol qabaachuu ibsuun, dandeettii ogeeyyii cimsuunii fi qaamole qoda fudhattoota waliin qindoomuun waliin gahiinsa fayyaa mirkaneessuuf hojjechaa jirra jedhaniiru.
Konfiraansiin waggaa 37ffaan mootummaan qulqullinaa fi walii gahiinsa fayyaa mirkaneessuuf tattaaffii taasisu deeggaruurratti kan xiyyeefate ta’uun ibsameera.
Saganticharratti waliin gahiinsa fayyaarratti qo’annoo fi qorannoo kan gaggeesanii , namoota dhuunfaa fi dhaabbilee hirmaanna cimaa gama fayyaan taasisaniif, badhaasnii fi beekamtiin kennameera.