Riifoormiin diinagdee mandhalee dameelee adda addaatiin bu'aa guddaa galmeessisaa jira - Hayyoota - ENA Afaan Oromoo
Riifoormiin diinagdee mandhalee dameelee adda addaatiin bu'aa guddaa galmeessisaa jira - Hayyoota
Bitootessa 7/2018 (ENA): Haaromsi dinagdee mandhalee mootummaan jijjiirama kana hordofee hojiirra oolche oomisha dabaluu fi galii sharafa alaa fooyyessuu keessatti bu’aa guddaa galmeessisaa jiraachuu hayyoonni dinagdee adda addaa ibsaniiru. Riifoormiin dinagdee mandhalee galii invastimantii kallattiin alaa dabalaa jira.
Tarsiimoon diinagdee dameelee hedduu mootummaan hordofaa ture dinagdeen damee tokko qofa irratti akka hin hirkatamne gochuudhaan guddina biyyaalessaa itti fufiinsa qabuuf bu’uura cimaa akka kaa’es ibsaniiru.
Akka ogeeyyiin diinagdee ENA waliin turtii taasisan jedhanitti,riifoormiin dinagdee mandhalee fi riifoormiin dinagdee Gooroo Itiyoophiyaa keessatti hojiirra oole qormaata caasaa jiru furuu fi tasgabbii gabaa fiduun gahee murteessaa taphachaa jira.
Caasaan diinagdee jijjirama kanaan dura ture hirmaannaa dhaabbileen biyya alaa hojii misoomaa biyyattii keessatti qaban daangeesseera jedhani qorataan olaanaa Inistiitiyuutii Qo’annoo Imaammata Itiyoophiyaatti Dr. Jamaal Mahaammad.
Kunis invastaroota idil-addunyaa carraa gabaa bal’aa akka argatan irratti dhiibbaa guddaa kan qabuu fi yaa’insa invastimantii kallattiin alaa akka hin ariifanne taasisuu ibsaniiru.
Biyyattiin hanqina sharafa alaa fi ba’aa liqaa ol’aanaa jala akka turteef kana ta’uu ibsaniiru.
Jijjiirama kana hordofuun danqaaleen imaammataa kanaan dura turan maqsuu fi haala mijataa uumuun dorgomtummaa diinagdee guddisuu fi damee dhuunfaa kakaasuu keessatti gahee murteessaa taphateera jedhan.
Riifoormiin dinagdee biyya keessaa dameewwan akka telekoomii, baankii, daldala gurgurtaa fi ijaarsaa invastaroota biyya alaatiif banuun carraa gabaa haaraa uumuun akka danda’amu himaniiru.
Hojiirra oolmaan haaromsa kanaa dhaabbileen idil-addunyaa gurguddoon kanneen akka "Safaricom" Itiyoophiyaa keessatti invastimantii bal’aa akka hojjetan taasiseera jedhan.
Dameewwan tarsiimoo kana keessatti dhaabbileen idil-addunyaa dammaqinaan hirmaannaan cehumsa teeknooloojii saffisiisuu, invastimantii kallattiin alaa hawwachuu, qulqullinaa fi dorgomtummaa tajaajila biyyattii guddisuu keessatti faayidaa guddaa akka qabu eeraniiru.
Haaromsi kun sharafa alaa gabaa irratti hundaa’uun murteessuu, galii fi baasii mootummaa madaaluu, bu’uura gibiraa bal’isuun agarsiistota milkaa’ina dinagdee gurguddoo ta’uu ibsaniiru.
Keessumaa xiyyeeffannoo addaa damee albuudaatiif kennameen bu’aan oomishaa fi daldala warqee irratti galmaa’e galii sharafa alaa biyyattii guddisuu keessatti gahee olaanaa taphachuu isaa ibsaniiru.
Waldaa Ogeessota Diinagdee Itiyoophiyaa keessatti qorataan olaanaa Dr. Mollaa Alamaayyoo akka jedhanitti, haaromsi kun imaammata invastimantii kallattiin alaa jajjabeessu hojiirra oolcheera.
Kunis hirmaannaa invastaroota biyya alaa Itiyoophiyaa keessatti haalaan dabalaa jira jedhan.
Itiyoophiyaa keessatti damee faayinaansii dijitaalaayizeeshiniin dorgommii dinagdee biyyattii waltajjii idil-addunyaa irratti dabalaa akka jirus hubachiisaniiru.