Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa biyyoota sulula Zaambeeziif muuxannoo kan ta’udha

Bitootessa 7/2018 (ENA)– Itiyoophiyaan lammiilee Miiliyoonaan lakka’aman hirmaachisuun Dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaan hin raafamne ijaaruuf Sagantaan Ashaaraa magariisa raawwachaa jirtu biyyoota Sulula Zaambeeziitiif muuxannoo guddaa akka ta’u ibsameera.

Waltajjiin sagantaa Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa Komishinii Sulula Laga Zaambeeziif muuxannoo qoodu gaggeeffamaa jira.

Ministirri Bishaanii fi Inarjii doktar Habtaamuu Ittafaa waltajjicharratti akka ibsanitti, Itiyoophiyaan eegumsa jijjiirama haala qilleensaarratti waan dubbatte qabatamaan kan raawwattu ta’uushee mirkaneessiteetti .



 

Biqiltuuwwan biiliyoona 48 waggoottan darban dhaabbatan kutannoo hoggansaa fi hawasaan ta’uu ibsuun, sagantichi badhaadhina dhaloota dhufuuf bu’uura cimaa kan kaa’udha jedhaniiru.

Miseensonni komishinichaaturtiisaanii Itiyoophiyaan hojiiwwan qabatamaa kanneen gara biyyasaaniitti fudhatanii kan deemanii fi Itiyoophiyaanis biyyoota biroorraa muuxannoo fudhachuuf qophii ta’uushee ibsaniiru.


 

Barreessa olaanaan Komishinii Sulula Laga Zaambiyaa Feeliksi Moosii Nigamlagosii gamasaniin, Itiyoophiyaan furmaatota uumamarratti hunda’e hojiirra oolchuun adda durummaa Ardiirratti qabdu qabatamaan argisiisuushee ibsaniiru.

Keessumaa hawaasa hirmaachisuun milkaa’inni mul’ate biyyoota sulula Zaambiyaatiif barnoota guddaa akka ta’u eeraniiru.

Barreessaa olaanaan kun itti dabaluun, milkaa’inoota bu’uuraalee misoomaa gurguddoodhaan galmeesiste dinqisiifataniiru.


 

Itiyoophiyaan pirojektoota kanneen akka Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa, Gibee 3 fi Kooyishaa wabii Anniisaa fi guddina Dinagdee mirkaneessuu danda’an Afrikaatti qabatamaan argisiifteetti jedhaniiru.

Sulula Zaambiyaa keessatti hidhawwan kanneen akka Kaariibaa fi Kaabooraa Baasaa jiraatanis, qabeenyi bishaanii hedduun hojiirra hin oolle jiraachuusaa kan eeran barreessaa olaanaan kun, muuxannoon bu’uuraalee misoomaa gurguddaoo Itiyoophiyaa biyyoota sululichaaf kaka’umsa guddaa ta’uusaanii mirkaneessaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015