Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti buufataalee daldala boba'aa seeraan alaa irratti bobba'an irratti tarkaanfiin seeraa ni fudhatama

Bitootessa 7/2018 (ENA): Naannoo Harariitti buufataalee daldala boba’aa seeraan alaa irratti bobba’an irratti tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu Biiroon Misoomaa fi Industirii Intarpiraayizii naannichaa beeksise.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad har’a boba’aa hawaasni itti gaafatamummaan, fedhiiwwan bu’uuraatiif dursa kennuun itti fayyadamuu akka qabu yaadachiisuun isaanii ni yaadatama.

Ministirri Muummee Raabsitoonni boba’aa, buufataaleenii fi fayyadamtoonni biroo boba’aa qusannaan akka fayyadamaniif ergaa dabarsaniiru.

Kanumaan walqabatee biiroon misoomaa fi  industirii interpiraayizii naannoo Harariitti daldala boba’aa irratti sochii seeraan alaa akkamitti ittisuu akka danda’amu irratti qooda fudhattoota waliin marii gaggeesseera.


 

Daldala boba'aa seeraan alaa ittisuu fi to'achuuf naannichatti “Taaski Foorsiin” hundeeffamee hojii adda addaa gaggeessaa jira jedhan itti Gaafatamaan Biiroo Misoomaa fi Industirii Intarpiraayizii Naannichaa obbo Usmaa'il Yuusuf.

Kanaaf mootummaan boba’aa deeggarsa olaanaadhaan gara biyyaatti galchu fedhii bu’uuraatiif fayyadamuu dhiisanii al-kallattiin badhaadhina dhuunfaatiif baaduun sochii seeraan alaa ittisuuf ciminaan hojjechaa jira jedhan.

Buufatni boba’aa buufata boba’aa seeraan eeyyamameefiin alatti daldala gaggeessan, taarifa kaa’amee ol gurguranii fi hojiiwwan seeraan alaa kanaan walqabatan biroo irratti bobba’an akka jiran hubachiisaniiru.

Buufatni boba’aa tokko tokko karaa sirna seeraatiin oomisha boba’aa akka hin raabsamne gochuun hojii seeraan alaa raawwachaa jiraachuus hubachiisaniiru.

Qaamoleen maamiltoota gowwoomsuun daldala boba’aa seeraan alaa irratti bobba’an akka jiran eeruun buufataaleen boba’aa hojii kanaa fi kan kana fakkaatan irratti bobba’an gocha isaanii irraa of qusachuu fi seeraa fi dambii akka eegan dhaamaniiru.

Buufata boba’aa hojmaata kaa’ameen ala socho’an irrattis tarkaanfiin sirreeffamaa cimaa, seeraa fi bulchiinsaa akka fudhatamu akeekkachiisaniiru.

Komishinarri Poolisii Naannoo Hararii Ahimad Abdiin gama isaaniitiin hojiin hordoffii fi to’annoo daldala seeraan alaa fi hojiiwwan kanaan walqabatan biroo naannichatti cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Qaamoleen damee kanarratti hirmaatan daldala seeraan gaggeessuu akka qaban, keessumaa mala tumsaa fi qindoomina cimsuu akka qaban hubachiisaniiru.

Abbootii qabeenyaa buufata boba’aa waltajjicharratti argaman keessaa obbo Foozii Yahyaan hojii daldala boba’aa seeraan alaa bu’aa hin barbaachifne argachuuf raawwatamu ittisuu cimsinee to’achuu qabna jedhaniiru.

Hirmaataan waltajjichaa obbo Abdushkur Jaamii gama isaatiin sirna daldalaa sirna seera bu’uura godhate hordofuun akka hojjetanii fi kanas qindoominaan waajjiricha waliin ta’uun hojiirra akka oolchan akeekaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015