Riifoormiin dinagdee mandhalee galii invastimantii kallattiin alaa guddisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Riifoormiin dinagdee mandhalee galii invastimantii kallattiin alaa guddisaa jira
Bitootessa 7/2018 (ENA):- Riifoormiin diinagdee mandalee Itiyoophiyaatti hojiirra oolaa jiru kun galii invastimantii kallatti alaa jajjabeessaa jira jedhan Komishinarri Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen.
ENA’n Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa waliin ta’uun waltajjii marii mata duree “Itiyoophiyaa – haaraa Bakka Invastimantii ” jedhuun gaggeessaa jira.
Waltajjicharratti Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannoo Dr. Kaasahuun Gofee, Itti aanaa dura taa’aa koree dhaabbii dhimma daldalaa fi tuuriizimii mana maree bakka bu’oota ummataa obbo Yohaannis Masfin, akkasumas qooda fudhattoonni misooma invastimantii federaalaa fi naannoo argamaniiru.
Komishinarri Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen haasaa baniinsaa waltajjii kanarratti taasisaniin, riifoormiin diinagdee gooroo bal’aan mootummaan eegale invastaroota biyya alaa carraa bal’aa Itiyoophiyaa keessatti argamu qorachuun invastimantii bal’inaan akka hojjetan carraa uumeera jedhan.
Haaromsi kun dameewwan diinagdee ijoo shan invastimantii kallattiin alaa hawwachuuf adda baafaman irratti jajjabina guddaa uumeera jedhan.
Haaluma kanaan Invastaroonni haaraa gara hojiitti seenuu, carraa hojii lammiileef uumuu fi ce’umsa teeknooloojiif gumaacha olaanaa taasisaa akka jirus himaniiru.
Riifoormichi dameelee adda addaarratti jijjiirama qabatamaa fiduusaa eeranii, qabeenya uumamaa biyyattii teeknooloojiitiin misoomsuun oomishtummaa guddisuun akka danda'ame ibsaniiru.
Omishaalee Gabaa alaaf dhihaatan guddisuuf haalli mijataan uumamuusaa eeraniiru.
Dameelee Turizimii, ICT fi diinagdee dijitaalaatiin haala kallattii mootummaan kaa'en, diinagdee dijiitaalaa ammayyaa’aa ijaaruun invesitimentii harkisuun hojjetamaa jira jedhaniiru.
Dameen misooma manneenii ammaan dura cufaa ture fooyya’insa seeraan dureeyyii Alaatiif banaa ta’uusaa beeksisaniiru.