Tamsaasa Kallatti:

Haalli mijataan dandeettii dorgommii Invastimantii kallattii alaa Itiyoophiyaa guddisu uumameera -Ministira Dr. Kaasahuun Goofee

Bitootessa 7/2018 (ENA)– Haalli mijataan dandeettii dorgommii Invastimantii kallattii alaa Itiyoophiyaa guddisu uumuusaa ministirri daldalaa fi walitti hidhaminsa Riijinii Doktatr Kaasahuun Gofee ibsan.

ENAn Komishinii Invastimentii Itiyoophiyaa waliin ta’uun waltajjii marii mata duree “ "Itiyoophiyaa-bakka qaqqabama Invastimantii haaraa” jedhuun gaggeessaa jira.


 

Waltajjicharratti Ministirri daldalaa fi walitti hidhaminsa Riijinii doktatr Kaasahuun Gofee , Mana Maree bakka bu’oota uummataatti itti aanaan walitti qabaan koree dhaabbattoo dhimoota daldalaa fi Turiizimii Yohaannis Masfin, i komishineera komishinii Invastimentii Itiyoophiyaa doktar Zallaqaa Tamasgeen, qaamolee qooda fudhattoota Misooma Invastimentii Federaalaa fi Naannoolee argamaniiru.

Wayitasana Ministirri daldalaa fi walitti hidhaminsa Riijinii Doktatr Kaasahuun Gofee , Invastimentiin kallattii Alaa guddina biyya keessaa ittifufinsa qabu saffisiisuuf qooda murteessaa qaba jedhaniiru.


 

Kaampaaniiwwan Alaa invastimetiin qabeenyasaanii invasti godhan maallaqa qofaa osoo hin taane beekumsaa fi dandeetti carraa hojii bal’aa fiduun guddina diinagdee biyyaa akka ariifachiisu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan Afriikaa keessaa Naayijeeriyaatti aantee biyya 2ffaa uummanni hedduun kan keessa jiraatudha, qabeenya lafarraa fi lajalaan kan badhaate , qabeenya dilbii qabdu invartimentii kallattii Alaan misoomsuun ni barbaachisa jedhaniiru.

Guddina diinagdee Itiyoophiyaa ariifachiisaa itti fufsiisuuf, yaa’insi kaappitaala alaa guddaa fi qulqullina qabuu dhiyeessuunis barbaachisaa ta’uus dubbataniiru.

Sirni diinagdee hundagaleessa Itiyoophiyaa haala invastimantii irratti jajjabina guddaa uumuun, misoomaa fi guddina cimaa fi itti fufiinsa qabu galmeessisuuf kan dandeessisu ta’uu hubachiisaniiru.

Bu’a qabeessummaan sirna diinagdee hunda galeessa Itiyoophiyaan Afrikaa keessatti humna dinagdee guddaa akka taatu taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiirra oolmaan riifoormii diinagdee biyya keessaa hirmaannaa diinagdee guddisuun imala guddina Itiyoophiyaa keessatti qooda isaa akka ba’uuf dameen dhuunfaa haala dandeessisu uumuus hubachiisaniiru.

Waliigaltee Naannoo Daldala Walaba Ardii Afrikaa Itiyoophiyaa keessatti hojiirra oolchuun haala invastimantii fi gabaa nageenya qabu, wabii fi tilmaamamuu danda’u uumuus hubachiisaniiru.


 

Itiyoophiyaan miseensa dhaabbata daldalaa addunyaa ta’uuf adeemsi itti jirtu boqonnaa murteessaarra jiraachuunsaa fi haalli mijataa ji’oo siyaasaa hawannaa invastimantii guddisuun gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Mootummaan Ida’amuu gaaffii abbummaa ulaa galaanaa karaa nagaa itti jirtu haqa qabeessummaan gamatti dandeettii dorgommii Itiyoophjiyaan riijinichatti qabdu caalaa guddisuuf dandeettii akka qabu dubbataniiru.

Dabalataanis angaftichi daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa oomishaalee Itiyoophiyaa gabaa addunyaaf dhiheessuudhaan qooda guddaa akka qabu kaasaniiru.

Gabaan kaappitaalaa Itiyoophiyaas Industiriiwwan buleeyyii fi haaraan kaappitaala dabalataa akka argatan carraa uumuunii fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuudhaan qabeenyi biyya alaa biyya keessasa akka galu gochuun faayidaa olaanaa akka qabu kaasaniiru.

Milkaa’ina tarkaanfiiwwan riifoormii murteessaa haala mijataa daldalaa fi Invastimantii Itiyoophiyaa uumuu hojjetamu ciminaan itti fufsiisuuf miidiyaaleen itti gaafatama olaanaa irraa eegamu ba’achuu akka qaban kaasaniiru.

Hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila oduu Itiyoophiyaa obbo Seeyifee Darribee, ENA’n waggoottan sagaltamii afur darban irraa eegalee ajandaawwan faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi walii galtee biyyaalessaa irratti afaan biyya keessaa fi biyya alaatiin xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira jedhaniiru.

Afaan biyya alaa afaan Ingilizii, Arabaa fi Faransaayiin,akkasumas afaan biyya keessaa shaniin odeeffannoo walitti qabuun tokkummaa sab daneessummaa fi walii galtee biyyaaf oduu fi oduun kan wal qabatan irratti hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Gabaasonni oduu fi oduun wal qabatanii hojjetaman toftaalee tamsaasa odeeffannoo ENA’n alatti miidiyaalee biyya keessaa fi biyya alaa hedduuf odeeffannoo tamsaasuun waliin gahaa akka jiru dubbataniiru.


 

Itiyoophiyaan bakka qaqqabama Invastimantii mijattuu ta’uushee beeksisuuf komishinii invastimantii waliin ta’uun mata duree “Itiyoophiyaa-bakka qaqqabama Invastimantii haaraa” jedhuun waltajjiin marii qophaa’uusaa kaasaniiru.

Waltajjichi dirree invastimantii bal’isuun bu’aalee argamanii fi karoora fuula dura agama beeksisuutiin faayidaa akka qabu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015