Tamsaasa Kallatti:

Boba’aa qusannaa, wantoota bu’uraa dursi kennamuufii qabuuf dursa kennuun hundi keenya miira abbummaatiin fayyadamuu barbaachisa-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad

Bitootessa 7/2018 (ENA)- Boba’aa qusannaa, wantoota bu’uraa dursi kennamuufii qabuuf dursa kennuun hundi keenya miira abbummaatiin fayyadamuun akka barbaachisu Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad hubachiisan.

Kanaaf rakkoon mudate furamee gara dhiheessii idileetti amma deebinutti boba’aa qusannoon wantoota bu’uraaf dursa kennuun fayyadamuun ni barbaachisa jedhaniiru.

Kanaaf kanneen boba’aa qoodan, buufataaleen boba’aa fi fayyadamtoonni boba’aa qusannoon, wantoota bu’utaaf dursa kennuun hundi keenya miira itti gaafatamummaan akka fayyadaman hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015