Tamsaasa Kallatti:

Dhaabbiileen Amantaa hojii ijaarsa nageenyaa fi misoomarratti  qoodasaanii  cimsuu qabu

Bitootessa 6/2018 (ENA)– Dhaabbileen Amantaa  hojiiwwan ijaarsa nagaa fi misoomaarratti  gumaacha taasisan  cimsuu qabu jechuun  Itti-Aantuun Pireezidaantii Naannoo Hararii Aadde Roozaa Umar ibsan.

Mariin Abbootii Amantaa Islaamaa waliin mata duree “Ilaalcha Mootummaa Ida’amuu keessatti  gahee dhaabbilee Amantaa” jedhu Magaalaa Harari galma Amiir Abdullaahiitti   hara’a gaggeeffameera.


 

Waltajjicharratti kan argaman Itti Aantuun Pirezidaantii Naannoo Harar Roozaa Umar akka ibsanitti, mootummaan badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuu fi fayyadamummaa misooma uummataa guddisuuf  hojiiwwan hedduu hojjeteera.

Hojiiwwan hojjetamaniin,guddinni dinagdee galmaa’aa fi  fayyadamummaan misooma uumataa  mirkanaa’aa akka  jiru  kaasaniiru.


 

Hojiiwwan nagaa fi misooma itti fufsiisuuf hojjetamani keessattis  dhaabbileen Amantaa  qooda olaanaa gumaachaa akka  jiran  ibsaniiru.

Keessumaa dhaabbileen kun uummata hirmaachisuun nagaaf, akkasumas guddina Hawaasummaa fi Diinagdee mirkaneessuuf shoora olaanaa taphachaa turuusaanii yaadachiisaniiru.

Mootummaanis dhaabbileen amantaa akka cimanii fi dagaaganiif  gumaacha hedduu taasisuusaa ibsaniiru.

Dhaabbileen kunneen  nagaa fi  tokkummaa biyyaa kabachiisuuf gumaacha taasisuusaanii eeruun; ammas dhaloota naamusaan ijaaruun  biyyaa fi uummata isaanii  akka tajaajilan  gochuu keessatti gahee olaanaa  taphachaa jiru jedhaniiru.

Nageenya cimsuun misooma saffisiisuuf itti gaafatamummaa hawaasummaa isaanirraa eegamu cimsuu akka qabanis akeekaniiru.


 

Hirmaattonni waltajjichaas hojiiwwan nagaa fi misoomaa naannicha keessatti raawwatamaniin bu’aaleen abdachiisoon  galmaa’uusaa  eeruun; gara fuulduraattis mootummaa cinaa dhaabbachuun hojiilee nagaa fi misoomaa  eegalaman cimsuun akka itti fufan dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015