Misoomi koriideraa Hojii Seenaa Magaalaa Harar madaalan ibseera - ENA Afaan Oromoo
Misoomi koriideraa Hojii Seenaa Magaalaa Harar madaalan ibseera
Bitootessa 6/2018 (ENA)–Misooma koriideraan seenaa fi hojiin qaroomina Magaala Harar durii madaalan hojjetamuu danda’uusanii waajjirri koomunikeeshinii Naannoo Hararii beeksise.
Hogganaan waajjirichaa Heenook Mulunaa akka ibsa kennanitti, Misoomni koriideraa seenaa fi qaromina Harar durii sadarkaa madaaluun boqonnaa badhaadhinaarratti akka argamtu taasisuu danda’uu ibsaniiru.
Misoomni koriideraa haala kennaa fi qabeenya naannichaa ka’umsa godhateen ogummaa gaggeessaa cimaanii fi kutannoon hawaasa hirmaachisuun kan hojjetame ta’uu hubachiisaniiru.
Hanga Ammaatti misoomni koriideraa Hambaa Idil-Addunyaa Jugalitti daandiin keessa, keessaa Km25n, magaalicha bakkeewwa adda addaa keessatti Km15n, Aanaalee baadiya keessatti immoo Km50 hojjetamuusa ibsaniru.
Misoomni koriideraa Daandii Konkolaataa, Biskileetii, miilaa, bakkeewwan magariisaa fi ibsaa daandiirraa ammayaa’aa hammachuusaa eeruun, kunis Harar, jiraattotaaf mijattuu fi hawwattuu akka taatu ishee dandeessiseera jedhaniiru.
Misoomichi yaadama mootummaa Ida’amuun, kalaqa, saffisaa fi qulqullina bu’uura godhatee hojjetamuusaa dubbataniiru.
Kunis miidhagina magaalichaa ibsuun, qabeenya Turizimii naannichaa jiru fayyadamuu akka dandeessise eeraniiru.
Kanaan walqabatee, magaalotaa fi baadiyyaatti lakkoofsi lammiilee baay'een carraa hojiitiin fayyadamoo ta'uusaanii ibsaniiru.
Rakkoowwan hanqina qulqullinaan mudachaa turan dhabamsiisuurratti misoomnikoriideraa jijjiirama qabatamaa argamsiisuu mirkaneessaniiru.