Duudhaaleen Ayyaana Fiichee Caambalaalaa utubaa tokkummaa fi waliin jireenya Itiyoophiyaa ta'anii kan tajaajilaniidha - ENA Afaan Oromoo
Duudhaaleen Ayyaana Fiichee Caambalaalaa utubaa tokkummaa fi waliin jireenya Itiyoophiyaa ta'anii kan tajaajilaniidha
Bitootessa 6/2018 (ENA)- Duudhaaleen Ayyaana Fiichee Caambalaalaa utubaa tokkummaa fi waliin jireenya Itiyoophiyaa ta'anii kan tajaajilani waan ta’aniif dagaagaanii fi eegamanii ce’uu akka qaban Deetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Nafiisaa Almaahiddii ibsan.
Fiichee Cambalalaan tokkummaa fi walooma lallabuun walitti hidhaminsi hawaasummaa cimuuf qooda olaannaa qaba.
Ayyaanni jijjiiraa bara haaraa Sidaamaa “Fiichee Cambalalaan” Hawaasaa “Sooressaa Gudumaalee”tti kabajamaa jira.
Sirna kabaja ayyaanichaarratti, kan argamani deetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Aadde Nafiisaa Almaahiddiin Ashaaraa Seenaa qabeessa Uummata Sidaamaa fi ibsituu eenyummaasaa kan ta’e “ Fiichee Cambalalaan’ bara moofaa dhiisanii ce’uun, Abdii ifaan bara haaraa kan itti simatan ta’uu eeraniiru.
Duudhaawwan Ayyaanicha keesa jiran tokkummaa fi waloma Itiyoophiyatiif utubaa ta’uun kan tajaajilu waan ta’aniif eegamee fi dagaagee ce’uu akka qabu hubachiisaniiru. Ayyanichi Araarri kan itti bu’uu fi haaloon kan itti dagatamu waan ta’eef ijaarasa nageenyaa fi tokkummaaf faayidaan qabu guddaa ta’uu hubachiisaniiru.
Ministeerichi Mootummaa Naannoo Sidaamaa walii qindoomuun, duudhaalee ayyaanichaa gabbisuu fi faayidaa ijaarsa biyyaatiif akka oolan gochuuf hojii hojjetamu cimsee kan itti fufu ta'uu ibseera.
Deetaan Ministiraa kun balaa uumamaan dhiyoo kana Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Gaamootti mudateen lubbuun namaa darbuusaatti gadda itti dhaga'ame ibsaniiru.
Deetaan Ministira Turiizimii Obbo Silashii Girmaa gamasaaniitiin, Itiyoophiyaan Hambaalee kiliyyaa Addunyaa galmeessisuudhaan Afriikaa keessaa iddoo olaanaa qabachuu ishee ibsaniiru.
Ayyaanni Fiichee Caambalalaa qabeenya biyyaa galmee qabeenya kiliyyaa Addunyaarratti galmaa'e ta'uusaa eeruun, Ayyaanichi dameeTuurizimiitiif gumaacha guddaa kan qabudha jedhaniiru.
Mootummaan badhaadhina mirkanessuuf xiyyeefannoo damichaaf kennuun hojjechaa jiraachuu ibsuun, bakkeewwan hawwata Tuuristii misoomsaa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaaf, itti fufiinsa qabeenya kiliyyaa kanneen akka Fiichee Caambalalaa mirkaneessuuf kunuunsa barbaachisaa gochuu fi gumaacha dameen kun diinagdeef qabu guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Miniisteerichi Ayaana Naannoo Sidaamaa Fiichee Caambalalaa dabalatee qabeenya Tuurizimii Naannichatti argaman adda baasuun misoomsuuf hojii eegalame deegarsa akka taasisu mirkaneessaniiru.