Gaazeexessaa Taarikuu Olaanaa du’aan Addunyaa kanarraa boqote - ENA Afaan Oromoo
Gaazeexessaa Taarikuu Olaanaa du’aan Addunyaa kanarraa boqote
Bitootessa 6/2018 (ENA) – Gaazexeessaan Raadiyoo Faanaa duraani kutaa afaan Oromoo kan ture Taarikuu Olaanaa addunyaa kanarraa du’aab boqoteera.
Gaazeexessaa Taarikuun bara 1957 Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Lixaa Aanaa Laaloo Assaabitti kan dhalate yoo ta'u, Yunivarsiitii Finfinneerraa Akkawuntiingidhaan digrii jalqabaa argateera.
Barumsa isaa akka xumureen gara Faanaa duraanii Faanaa miidiyaa koorporeeshiinii ammaatti damee miidiyaatiin aadaa fi Afaan Oromoo gama guddisuutiin qoodasaa bahateera.
Gaazexeessaa Taarikuun bultii kan dhaabbatee fi abbaa ijoollee durbaa lamaa kan ture yoo ta’u, dhibee isa mudateen yaalamaa turuun guyyaa kaleessaa umurii waggaa 61tti Addunyaa kanarraa du’aan adda ba'eera.
Sirni Awwaalchaa Gaazexeessaa Taarikuu guyyaa har’aa Finfinnee bataskaana Qacanee Madaanalamitti akka raawwatamu odeeffannoon maatiisaarra argame ni mul’isa jechuun Korporeeshinii Miidiyaa Faanaa gabaaseera.
ENAn Afaan Oromoo du’a Gaazeexessaa Taarikuu Olaanaatti gadda itti dhagahame ibsaa Maatii fi Firoottansaaf jajjabina hawwa.