Tamsaasa Kallatti:

Fiichee Cambalalaan tokkummaa fi walooma Lallabuun walitti hidhaminsi  hawaasummaa akka Cimuuf qooda olaanaa qaba- Afa-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Aaganyoo Tashaagar

Bitootessa 6/2018 (ENA)- Fiichee Cambalalaan tokkummaa fi walooma  lallabuun walitti hidhaminsi  hawaasummaa akka cimuuf qooda olaanaa  akka qabu Afa-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aaganyoo Tashaagar dubbatan.

Ayyaana jijiirraa  bara haaraa Sidaamaa   kan ta’e  Fiichee Cambalalaan  Hoggantoonni Olaanoon  Federaalaa fi Naanno, Jaarsoliin biyyaa, Ayyaantonni, Abbootiin Gadaa, Dargaggoonnii fi  keessummooni waamichi taassifameefii bakka argamanitti,  Hawaasaa"Sooressaa Gudumaalee”tti sirna ho’aan kabajamaa jira.


 

Sirna kabaja  Ayyaanicharatti kan argaman  Afa-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aaganyoo Tashaagar akka dubbatanitti,Fiichee Cambalalaan sirnaa fi Miidhagina addaa kan qabu Ayyaana Itiyoophiyaati jedhaniiru.

  Ayyaanichi walooma, Nageenya, Dhiifama barsiisaa Ayyaana  bara haaraatti ce’uuti kan jedhan  Afa-yaa’iin kun, tokkummaa fi walooma lallabuun,  walitti hidhaaminsi Hawaasummaa akka cimuuf qooda olaanaa  qabaachuu dubbataniiru.   

Ayyaanni Fiichee Caambalaalaa kabaja bara haaraa Sidaamaa ta'e kun,  haaloo dhiisuun, nagaa fi dhiifamaan bara haaraa kan itti simatan ta'uusaa kaasaniiru.


 

Ayyaanni Fiichee Cambalalaa bu’uura walitti hidhaminsa tokkummaa fi  waloomaa ta’e  haala  Kanaan kabajamuun, ijoollee fi dargaggoonni  Aadaasaanii akka beekanii fi osoo aadaansaanii hinfaalamiin  dhalootatti akka darbuuf  haala mijataa uumuusaa ibsaniiru.

Kennaa uumamaa hedduu  biyyattiin  qabdu fayyadamuun, badhaadhina saffisiisuuf  harka wal-qabnnee  cimnee  hojjechuu qabna  jedhaniiru.

 Cambalaalaa dabalatee duudhaaleen 'Yuuneeskootiin' (UNESCO)  irratti galmaa’an  meeshaalee keenya Dippiloomaasiiti kan jedhan ,  Obbo Aganyoon, duudhaalee kanneen eeguu fi dhaloota dhufutti dabarsuu qabna jedhaniiru. 

Filannoon tokkummaa biyyaalessaa fi fayyadamummaa haqa qabeessaaf  qooda olaanaa qabaachuu  kaasuun, filannoon waliigalaa 7ffaan bara kana gaggeeffamu  nagaa qabeessaa fi dimokiraatawaa ta’ee akka xumuramu hundinuu qoodasaa akka bahu  gaafataniiru. 

Yeroo ammaa agarsiisa Qeexalaan, gugsii Fardaa fi sagantaawwan adda addaan biroon  miidhagee argamaa jira.

Ayyaanicharratti  hoggantoonni  hojii olaanoon Federaalaa fi Naannoolee , keessummoonnii bakka  bu’oonni Sabootaa hirmaataniiru. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015