Dhaloonni Duudhaa Fiichee Cambalaala ittifufsiisuu qabu- Bulchaa Naannichaa Dastaa Leedamoo - ENA Afaan Oromoo
Dhaloonni Duudhaa Fiichee Cambalaala ittifufsiisuu qabu- Bulchaa Naannichaa Dastaa Leedamoo
Bitootessa 6/2018 (ENA)-Dhaloonni Duudhaa Fiichee Cambalaala qorannoo Saayinsiin deeggaruun ittifufsiisuu akka qaban Bulchaa Naannoo Sidaamaa Dastaa Leedamoo ibsan.
Ayyaanni Jijjiiraa bara haaraa Sidaamaa Fiichee Cambalalaan Hawaasaa“Sooressa Gudumaalee”tti kabajamaa jira.
Bulchaa Naannichaa Dastaa Leedamoo Ayyaanicharratti akka ibsanitti, Ayyaanni Fiichee Cambalalaa Mallattoo qaroominaa Abbootiin keenya Sidaamaa adeemsa Urjiilee hordofuun yeroo ittiin lakkaa’anidha.
Duudhaa mandhaalee Fiichee Cambalalaa dhalootaaf ceesisuuf dhalooonni ammaa Qorannoo Saayinsiin Deeggarame hojjechuun irraa eeggama jedhaniiru.
Ayyaanichi duudhaalee Nageenyaa, Jaalalaa fi dhiifamaa kan of keessatti qabatee fi tokkummaa fi walitti hidhaminsa uummataa kan cimsu ta’uu ibsaniiru.
Waloomni humna ida’amuu ta'uu isaa kaasuun, Ayyaanni Fiichee Caambalaalaa walitti bu'iinsa dhabamsiisuun dhiifamaa fi jaalalaaf xiyyeeffannoon inni kennu, garaagarummaa caalaa waliin jireenyaaf gatii guddaa kan kennudha jedhaniiru.
Ayyaanichi ilmaan namaa qofaatiif osoo hin ta’iin uumama dabalatee kabaja addaa kan kennuu fi nagaa fi tokkummaa biyyaatiif gumaachi qabu guddaa ta’uu dubbataniiru.
Hogganaan Aadaa, Tuuriizimii fi Ispoortii Nannichaa Obbo Jagoo Aganyoo gamasaaniin, Ayyaanichi duudhaalee ofkeessaa qabu dhalootaatti dabarsuuf hojiin qo’annoorratti hundaa’e hojjetamaa jira jedhaniiru.
Aadaa Abbootiin keenya tursiisan Hayyoonni karaa saayinsaawaa ta’een akka galmaa’u gochuu isaaniitiin, Ayyaanichi qabeenya kiliyyaa Addunyaa ta’uu danda’uu isaa fi waggaa waggaatti haala miidhagaan kabajamaa jiraachuusaa dubbataniiru.
Ayyaanicharratti Afa-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Aaganyoo Tashaagar dalabaltee hoggantoonni olaanoon Mootummaa fi bakka bu’oonni uummata bakka argamanitti Ayyaanni Fiichee Cambalalaan kabajamaa jira.