Tamsaasa Kallatti:

Ayyaana  bara  haaraa Sidaamaa Fiichee Cambalalaa

Bitootessa 6/2018 (ENA)-  Ayyaanni Jijjiirraa bara haaraa Sidaamaa Fiichee Cambalalaan Magaalaa Hawaasaatti “Sooressa Gudumaalee”tti kabajamuu eegaleera.

Bakka Ayyaanichi itti kabajamu Hawaasaa “Sooressaa Gudumaalee”tti Hoggantoonni hojii olaanoon Federaalaa fi Naannoolee akkasumas  Aanaalee Naannichaa keessaa namoonni dhufan saganticharratti argamaniiru.


 

Kutaan hawaasa adda addaa Ayyaanicharratti hirmaachaa jiran  hulluuqaa qaxxaamurnii seenuun sirna aadaa “Qeexalaa” raawwachaa kan jiranii yoo ta’u , seensa gammachuu bara haaraa  labsaa jiru.

“Qeexalaan” Sirna  raawwii Aadaa Ayyaana Fiichee Caambalaalaa  keessatti sabni Sidaamaa miira isaanii isa gad-fagoo, abdii fi hawwii qaban taatee itti ibsatani dha.


 

Sirni Ayyaana jijiiraa bara haaraa Sidaamaa Fiichee Cambalalaan Addabaabaayiitti kabajamu Walooma, Nageenya, wal-gargaarsaa fi duudhaalee dhiifama  cimsan kan of-keessatti qabate Hambaa Aadaa Addunyaatti. 

Fiichee Cambalalaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa 'Yuuneeskootiin' (UNESCO) Hambaa Kiliyaa (kan hin qaqqabamne) kan ilmaan namootaa ta'ee   galmaa'eera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015