Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad godina Gaamootti lammiilee balaa sigigaachuu lafaatiin lubbuusaanii dhabaniif gaddasaanii ibsan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad godina Gaamootti lammiilee balaa sigigaachuu lafaatiin lubbuusaanii dhabaniif gaddasaanii ibsan
Bitootessa 5/2018(ENA)- Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad godina Gaamoo aanaa Gaaccoo Baabaa fi aanaalee birootti lammiilee balaa sigigaachuu lafaatiin lubbuusaanii dhabaniif gaddasaanii ibsan.
Godina Gaamoo aanaa Gaaccoo Baabaa fi aanaalee birootti balaa sigigaachuu lafaa sababa rooba Arfaasaatiin mudateen lubbuun lammiilee darbuusaatti gadduu koon ibsa jedhan ergaa gaddaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessaniin.
Lammiilee miidhamaniif mootummaan deeggarsa barbaachisu akka itti fufu ibsaniiru.
Rakkoo kana egereef furuuf qo’annoo fi hojiin barbaachisu hojjetamuu qaba kan jedhan ministirri muummee, ofeeggannoonis barbaachisaa ta’uu cimsanii kaasaniiru.