Magaalaa Shaggaritti baatiwwan 8 darba gibiraarraa galiin birrii biiliyoona 25 tuqaa 8 walitti qabameera - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Shaggaritti baatiwwan 8 darba gibiraarraa galiin birrii biiliyoona 25 tuqaa 8 walitti qabameera
Bitootesa 5/2018 (ENA) Magaalaa Shaggaritti bara 2018 baatiwwan 8 darban gibiraarraa galiin birrii biiliyoona 25 tuqaa 8 walitti qabamuu waajjirri galiiwwanii magaalichaa ibseera.
Magaalonni Oromiyaa baasii isaaniin akka of danda’an haala galiin itti walitti qabamu ammayyeessuun galii isaanii guddisuurratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiru.
Hoji geggeessaan wajjira galiiwwanii Magaalaa Shaggar obbo Malkaamuu Ambawu turtii ENA waliin taasisaniin akka jedhanitti, magaalichatti galii gibirarraa argamu guddisuuf qaamolee isaan ilaallatu waliin hojii hojjetamaa jiruun jijjiiramni guddaan dhufaa jira.
Galii magaalicharra argamu guddisuuf labsii, danbii, qajeelfama, akkasumas hojmaata biroo galiiwwan Oromiyatiin bahan xiyyeeffannoon hojiirra ooluu eeran.
Hundeeffama magaalaa Shaggariin dura galiin magaalicharraa walitti qabamaa ture birrii biiliyoona 5 gadi akka ture yaadatniiru.
Bara bajataa 2017 maagaalichatti galiin gibirarraa argame birrii biiliyoona 24 ta’uu ibsanii, barana birrii biiliyoona 40 walitti qabuuf karoorfamee baatii 8tti birrii biiliyoon 25 tuqaa 8 walitti qabuun danda’ameera jedhan.
Galiin gibiraa walitti qabame kunis madda galiwwan idilee, keessoo fi mana qopheessaarraa ta’u himanii, hojii kanaan jijjiiramni misooma dinagdee guddan kan dhufe ta’uu himaniiru.
Hawwasaaf hubaannoo kennuu fi alseerummaa hir’isuun qindoominaan hojjetamaa kan jiruu fi keessumaa hojmaata dijitaalessuun galii gibirarraa argamu guddisuun akka danda’ame dubbatan.
Galiin walqabatee hojjettoota alseerummaa raawwatan 33 irraatti tankaanfiin bulchiisaa fudhatamuu, daldaltoonni 59 immoo maallaqaan adabamuu obbo Malkaamuun ibsaniiru.
Magaalaa Shaggaritti galii gibirarraa argamu guddisuun haala danda’amu irratti qaamolee isaan ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuun magaalicha gama hundaan misoomaan saffisiisuuf hojiin jalqabame cimee kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.